Xurree ittiin seenan

Breaking News

Donaald Traamp: Jarman Booji’amtuu Raashiyaa Taate


U.S. President Donald Trump walks during the welcoming ceremony at the start of a NATO summit at the Alliance’s headquarters in Brussels, Belgium, July 11, 2018.
U.S. President Donald Trump walks during the welcoming ceremony at the start of a NATO summit at the Alliance’s headquarters in Brussels, Belgium, July 11, 2018.

Gurmuun Walta’insa Biyyoota Atilaantik gama Kaabaa yokaa NATO, har’a walga’ii isaa waldura dhaabbannaan jalqabe.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, “Gamtaa Awurooppaa keessaa biyyi guddoo fi duurettiin – Jarmaniin, booji’amtuu Raashiyaa taate” jechuun qeeqan.

Har’a ganama ennaa barreessaa muummicha-NATO wajjiin walga’anitti kan kana dubbatan – Prezidaant Traamp, Jarmaniin akka Kaampaaniin Inerjii Raashiyaan ujummee isaa galaana ishee keessa dabarfatu Jarmaniin eyymamuu balaaleffatan.

“Jarmaniin karaa irraa baatee, waggatti biliyoona hedduu Raashiyaadhaaf baafti.” Jedhan – Traamp.

Chaansilarittiin Jarmany – Angelaa Merkel immoo, booda deebii kennaniin, “to’annaa Raashiyaa jala jiraachuun maal akka tahe ijoollummaa kiyya irraa jalqabeen beeka. Garuu, dhimma Inerjii irratti Raashiyaa waliin walii-galtee qabaachuun, jaarraa 21ffaa kana keessatti, Jarmanii boojuu Raashiyaa hin taasisu” jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG