Xurree ittiin seenan

Breaking News

Donaald Traanp Itti Aanaa Ofii Filatan


Donaald Traanf Itti Aanaa Ofii Filatan
Donaald Traanf Itti Aanaa Ofii Filatan

Paartii Ripaablikaanootaa bakka bu’uun prezidaantummaa Yunaaytiid Isteetsf kan dorgomuuf jiran Donaald Traanp/ itti aanaa isaanii kan ta’aniif/ bulchaa Kutaa Indiyaanaa Maayk peense filachuu isaanii labsan.

Traanf kana kan beeksiisan dhaamsa Twitariin har’a ganama erganiin yoo ta’u/ nama kana itti aanaa koo godhachuun filachuu koof gammachuutu natti dhaga’ama jedhan.

Peense kanneen yaada ofii irratti cichan keessaa tokko yoo ta’an kutaa paartilee Demokraatootaa ykn Ripaalikaanoota keessaa kam akka filatan hin beekamne Indiyaanaa bulchaa kan waan jiraniif jecha/ tooftaaf jecha Traanf filatan jedhama.

Kana malees Peense garee Traanfiif sagalee guddaa kenna kanneen soshaal Konsarvatiive jedhaman biratti beekamoo dha.

Kana illachisee sambata borii tuuta oduuf ibsa kan kennan ta’uu Trraanf hubachisanii jiru.Umriin isaanii 57 kan ta’e Maayk Peense Bulchaa kutaa Neew Jarsii kiris karistii fi afaan yaa’ii mana marii bakka bu’ootaa yunaaytiid Isteetekan turan Neewt Gingirich injifachuun filataman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG