Prezidaantiin Yunaayitid Isteets duraanii Doonaald Traamp qabeenya isaaniitiin walqabatee himannaa isaanii irratti dhihaateef akkaa deebii kennan ajaja mannii murti dabarsef deebii kennuu diduu isaanitiif, amma deebii kennanutti guyyaa guyaadhaan akka Doolaaraa 10,000-n adabaman abbaan murti dahddacha magaalaa Niwu yoork ajaja dabarseeraa.
Galii Qabeenyaa prezidaanti duraanii ilaalchisee gabaasinni mootummaadhaaf dhihaachuu qabu waan dhugaa irratti hin hundoomnee ta’uu isaatiif akka ragaa gahaa qaban ibsuudhaan kan galmee himannaa banan attii alangaa olaantuun magaalaa Niwu Yoork Letitiyaa Jems akka jedhaniti, qabeenyii Tramp bakka Golfiin itti taphatamuu isa magaalaa Niwu Yoorkii fi Iskootilaand keessaa jiru,akkasumasi,manneen jaarmiyaan Niwu yoork keessatti kireessamuu dabalatee gabasiinii dhihaachaa ture kan sirrii hin taanedha.
Doonaald Traamp balleesaan isaan raawwatan akka hin jirre ibsaanii himannaan isaan irratti dhihaate dhiibaa siyaasaatiin jechuun isaanii gabaasameeraa.