Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dooyyaa Araaraa Artistoota Oromoon Qophaa'e


Mohammed Sheekaa
Mohammed Sheekaa

Artistoonni Oromoo wal dhibdee siyaasaa dhaabota Oromoo gidduu jiru akka furamuuf gama isaaniin tattaafatanii jiran. Carrqqqqiin isaaniis bu'a qabeessa ta'uu qindeessitoonni ibsaniiru.

Waggoota afur dura kan ijaarame Waldaan Artistoota Oromoo, gama muuziqaan tajaajilaa guddaa gumaachu irraa taruudhaan rakkoo siyaasaa dhaabota Oromoo gidduutti mula’atu furuuf maanguddoota Oromoo cinaa dhabbachuun tattaafataa jira. Dhihenya kanaas kanuma kan mirkaneessu waltajjii agarsiisaa tokkoo magaalaa Mineapoliis, MNtti qopheessee ture.

Gareewwaan ABO walitti-fiduu fi tokkummaa dhaabichaa deebisanii jabeessuuf hojii araaraa jaarsooliin Oromoo eegalan deggeruuf ka Waldaa Artistoota Oromoon qindeessame, waltajii agarsiisaa sana irratti bakka-bu'oonni gareelee ABO wal-dhabanii, maanguddoonnii fi beektonni argamuun waa'ee barbaachisummaa deemsa araaraa sanaa dubbatanii jiru. Dura-taa'aan Waldaa Artistoota Oromoo, obbo Amiin Juundii fi Itti-gaafatamaan dhimma sab-quunnamtii waldichaa, Obbo Daraaraa Maatii ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, kaayoo agarsiisichaa bu'aa inni argamsiise ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG