Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgomii Aadaa yokaan Tapha Ispoortii Oromoo Kam faa beektan?


Addunyaa guddachaa deemuutti jirtu keessatti waan ufii qaban jabeeffachuun durumatti nama deemsifti. Kana keessaa Ispoortiin Oromoo qooda guddaa qabdi.

Addunyaalleen duruu woma qabdu guddifattee asiin gahatte. Kubbaa miillaallee tahe ka harkaa, teenisii fi ispoortiin adda addaa amma biyyootiin addunyaa taphachuutti jiran hagi guddaan suutuma suutaan guddachaa dhufan. Ka Oromoollee akkanuma guddisuun nama hin dhibdu, jedhu barreessaan seenaa, maanguddoon umriin toorbaatamii-lamaa, Obboo Dabbasaa Areeroo. Tapha ispoortii duruu Booranatti beekaman keessaa; Obbee hadhuu, Goonii, Korbobboo, Koreekoromooyyaa, Fiigicha, Saddeeqa, Qoraasuma, Kutiisa yokaan Kuruphachuu, Fardaa Gussuu, Waraana Darbachuu, Wallaansa, Adamoo fi kkf hedduutti jira, akka Obboo Dabbasaan jedhanitti.

Kitaaba “The Oromo in East Africa” jedhamu barreessaanii baasuuf carraaquutti ka jiran Obboo Dabbasaa Areeroo,faaydaan tapha aadaa armaa olitti jedhamanii nafa ijoollee jabeessuu qofa mitii, akka waliin hojjatanii fi seeraan hojjatanillee ni barsiisa, jedhu. Fakkeenyaaf Saddeeqa dhahachuun herrega dheeraa, herrega guddaa akka nama barsiisu dubbatan.Aadaa Ispoortii Oromoo keessatti horiin tajaajila guddaa kennuu fi faayidaa guddaa qabu tokko farda jedhu."Farda duula, dooyaa fi adamoollee ittiin dhaqan. Kanaaf, seeri fardaan eegan ka namaatu caalaa ulfinna qabaa," jedhu.

Akka Obbo Dabbassaan jedhanitti, nama farda tokko ijjeese loon sagaltamaa itti muran. Fardii bara dheebuullee, yoo bisaan diqqoon argame nama dura farda obaasan.

"Taphaa fi Ispoortii Oromo ka duruu aadaan jirtu jabeessuun waan horii guddaallee hin gaafanne, waan guddisuunlleen nama hin dhibne." jedhu, Obbo Dabbassaa Areeroo.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG