Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgomiin Olompiikii itti fufee jira


Garee jiminaastikii Yunaaytid Isteets irraa Sunisaa Lee meedaaliyaa warqii argatteetti, Adoolessa 29, 2021
Garee jiminaastikii Yunaaytid Isteets irraa Sunisaa Lee meedaaliyaa warqii argatteetti, Adoolessa 29, 2021

Taphinii Olompiikii baraanaa biyya Jaapan Magaalaa Tookiyoo keessatii geggeesamaa jiruu Itti fufee jira.

Tapaha kubbaa miilaatiin Afrikaa kan bakka bu’an gareen Ayiverii koost fi gareen Masr morkatootaa isaanii moo’uudhaan gara sadarkaa itti aanutii darbaniiru.

Akkuma Kanaan Ayiverii koosti tapha duraatiin Sa’ud Arabiyaa 2 fi 1n mootee, Jarmanii wajjiin 1 fi 1n qitaa baatee yemuu darbituu , Masr immoo biyya Awustiraaliyaa 2 fi 0n ergaa mootee boodaa ispeenii wajjin gara dorgomii itti aanuti dabarteetti. Biyyii biraa Afrikaa bakka buute Afrikaan kibbaa tapha sadii gootee, sadaniinu moo’amtee dorgomii keessaa baateeti.

Gareen figichoodhaan Itiyoophiyaa bakka bu’e gareen fiigiddota meetirii 10000 bori figaa. Figiichaa kana irrati kan hirmaatan

Yoomiif Qajeelchaa, Salamoon Bargaa fi Baahiruu Aragaawii ti.

Fiigaan Eertiraa Aroon Kiflee, fiigdonii Keeniyaa Weeldoon Laangaat, Roojers Kuwamoy,fi Roneekis Kipruuto garee Itiyoopiyaati wajjin moorikii jabaa keessa seenuu jedhame eegama .

Amma gabaasin kun qindaa’etti Yunaayitid isteetes waliigalatti meedaliyaa 38n yemmuu dursituu, Chaayinaan medaliyaa 31n Raashaan Meedaliyaa 28n wal duraa duuba jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG