Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa U-20 Zaambiyaatti itti jiran Itoophiyaan ammoo dorgommi Qaxxaamura Addunyaatiif nama 35 kopheeffatte


U-20 dorgommii kubbaa miilaa ijoollee ganna 20 gadii
U-20 dorgommii kubbaa miilaa ijoollee ganna 20 gadii
Dorgommii kubbaa miilaa ijoollee ganna 20 gadii
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:37 0:00

U-20[under 20] maqaa kubbaa miilaa Afrikaa ijoolleen gannii isaanii 20 gadii irratti wal dorgomaaa Zaambiyaa magaalaa lama keessatti wal dorgomuutti jiran.Biyyitii 8n Kameroon fi Afrikaa Kibbaa,Senegaalii fi Suudan, Giinii fi Masrii.

Dorgommiin tun ta dorgommii kubbaa miilaa addunyaa ijoolleen ganna 20 dorgommii FIFA-n barana Kooriyaa Kibbaatti kopheessuuf waliin tapahtan irratti kophaahan.

Dorgommii FIFA U-20 Caamsaa 20 haga Waxabajjii 11,2017 Kooriyaa Kibbaa keessatti taphatan.

Tapha kalee irratti Zaambiyaan Giinii 1-0 moote.Goolii tana gurbaa Zaambiyaa Awustiriyaa jiru Patson Dakaatti daqiiqaa 48 irratti keessa buuseef.

FIFA

Pirezidaantiin Federeshiinii waldaa kubbaa miilaa Addunyaa,FIFA, Giyaanii Infantiinoo Afrikaatti imaltu dhaqee.Imaltuu Afrikaa Kibbaatii fi Zimbaabuwee fixatee guyyaa dheengaddaa Ugaandaatti goree bulchootaan wal dubbate.

Infantiinoon gaafa huji tanaa dorgomuuyyuu Afrikaan gama ispoortiitiin qablii tiyya hin baatu jedhe.

Tanaaf jedhee itti gaafamttuu bulchiinsa FIFA dubartii Afirkaa Fatma Samoura hujiitti filee jedha.

EPL,dorgommii kubbaa miilaa kilaboota Ingiliiz.Dorgommii EPL eegii jqlabaii torbaan 26 keessa jiranii kalee fi guyyaa dheengaddaa qofa goolii 18 gale.

Hardha ammoo Leser Sitiin Liverpuul 3-1 moote.Kalee Totten Ham kialbii Istookki 4-0 garafte.Westi Biroom Bournemoutzi 2-1 moote.Everton kilabii Sunderlandi 2-0, kialbiin Kiristaal Paalaasi ammoo Middolesbrotzi 1-0 moote.

Chelsiin kilabii Siwaan Sitii 3-1,kilabiin Hull Sitii ammoo kilabii Burneley FC 1-1.Westi Haamoo fi Watfordi ammoo 1-1 gargar bahan.

Itoophiyaan dorgommii Fiigichaa Qaxxaamura Addunyaatiif Ugaandaatti kopheessaniif atileetota 35 kopheeffatte

Dorgommiin Qaxxaamura Biyyoolessaa dorgommii IAAF ganna lama lamaa qopheessu. Dorgommii ganna kana Ugaandaatti qopheessa.Atileetota addunyaa hedduutti irratti wal dorgoma.

Itoophiyaan akka obboo Duubee Jiloo atileetiksii biyyoolessaa keessaa jedhetti Genzebee Dibaabaa fa waliin nama 35 kopheeffatte.Jarii kun amma hoteelii jiraa leenjii fixatee dorgommiif ufi kopheessuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG