Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii OSFNA Ka 2010 Dirree Dhawaati Moohate


Okaachaa (Kaalid Mohaammed Amiin) Goolii sagal galchee Waan Ajaa'ibaa Hojjate

Kaliid Mohaammad Amiin ufii qofa waancaa lama guurrachuu miti, garee isaa, Dirree Dhawaallee waancaa fi doolara 1000 badhaasise. Garee Dirree bara 2009 Atlaantaatti, bara 2010 ammoo Washington,Siyaatilitti seenaa hojjatte. Dirreen duruu akkanuma moohachaa as gahatte. Marroo sadii moohannaan akkuma seeraattuu waancaan sun handhuuraa garee sunii taha, Dirreelleen tanuma goote.

Wal-dorgommii kubbaa miillaa OSFNA 15eessoo ta Adoolessa 24-31-2010 magaalaa Siyaatilitti geggeessame, ka gareeleen 15 irraa qooda fudhatan kana irratti gareen Dirree walumaa-galatti goolii 20 caalaa galfatte. Moohannaa Dirree tana hujii nama hedduuti asiin gahe. Itti-gaafatamaan garee kanaa, Obbo Kamaal Mohaammad, “… 9-0,6-1,3-1,4-0 fi ta maayyii 2-1n caaluun moohatte" jedhu. Akka Obbo Kamaal jedhanitti, Gareen Dirree ganna 2002 keessa waldorgommii Kubbaa-Miillaa OSFNAtti dabalamtee as marroo shan moohatte.

Obbo Zayiid Huseenillee warra garee Dirree leenjisee asiin gahee moohachiise keessaa tokko. Nami Oromoo akkana walitti dhufee waan ufii qopheeffachuu kanaan maan jettan jennaan; “guddinni kubbaa uummata Oromoo baraa baratti hagama guddachaa deemuutti akka jiru nama agarsiisa. Hedduu gaarii … Wallaahi!”jedhan. Obbo Ziyaad nama biyya akka akkaatti ganna hedduuf kubbaa miilaa leenjisaa bahe. "Dorgommii kubbaa miilaa addunyaa bara 2010 Speeyiniti moohata jennaan nami natti koble taatullee isuma taate" jedhu.

"Afrikaan ammoo dorgommii addunyaa san qopheessuun kubbaan miilaa Afrikaa keessatti hagam akka jaabahcaa deemtu nama agarsisaa" jedhu. Obbo Zayid.

Mee dorgommiilee lameen, jechuun tapha kubbaa miillaa addunyaa fi dorgommii kubbaa miillaa Oromoo ka bara 2010 irratti gabaasaalee qopheessinee turre irraa haga tokko caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG