Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Shaampiyoon Liigii itti jiran taphattoota haga tokko koronaa irratti arganii tapha keessaa oofan, Ronaaldoo 'yaayyuu fayye'


Cristiano Ronaldo
Cristiano Ronaldo

Real Madrid keessaa Eder Militao koronaa irratti arganii tapha kilabiin isaa Intermilan waliin qabdu keessa hin jiru.

Gurbaan dhalootaa Biraazil ganna 22, kun kophaatti ufi baasaa biyyaan wal hanqata. Kilabii isaa keessaa isuma qofa irratti argan.

Real Madrid dorgommii Shaampiyoona Liigii keesasa eegee jirti Intermilan ammo mataa keessa sadeessoo,jirti.

Militao amma koronaa iratti argan kun barana marroo sadii kilabii isaatii taphate.

Taphataan Bayer Munich, Niklas Sule Koronaa iratti arganiin wallaanuuniitti jirani. Isallee dorogmmii Shaampiyoon Liigi itana keessatti quba hin qabaatinaa.

Namii ganna 25 kun kilabii tanaaf nama akka utubaati taatullee haga qulqullaahutti taphatti hin deebi’u.

Jara kana amma qoratanii akka torbaan lama kophaatti bahanii ufi ilaalan tolchan.Eegii kilabiin isaanii dorgommii Shaampiyoon liigi irratti kilalbii Kilamarokn 1-0 mootee duubatti qophii gammacuu sunitti dabre.Torbaan lama keesastti tapha tokkollee hin taphatan.

Taphataa Juventus Cristiano Ronaldo Koronaa irratti arganii wallaanachaa bahe amma yaayyuu fayyee jedha.

Ronaaldoon nama ganna 35ti adoo kilabii Poortugaal waliin taphattuu dhiba kana irratti argan jedhan. Taatullee maatiin isaa naguma qabaa dhiba kanallee irratti hin agarre.

Torbaan afur wallaanachaa bahe amma dorogmmiitti deebi’e.Ronaaldoo tapha hedduu ka akka Barseloonaa waliin kilabiin isaa taphattellee irraa hafe.

Tapha shaampiyoon Liigii kale kialbiin isaa, Juventus kilabii Spezia moohatteen ammoo keessa jira.

Kilabiin Iskootish Rangers Jordan Jones fi George Edmundson seera koronaan tohatan cabsan jedhanii dorgommii irraa dhaaban.

Akka jecha kilabii isaaniitti jarii lachuu seera cabsee warra kilabiin hin beenne waliin qophii gammachuu keessa oole.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG