Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommiin fiigicha maaratoonii fi qaxxamura biyyaa taasifamee jira


Faayilii - Maaraatoonii Dubaay, Amajjii 24, 2020
Faayilii - Maaraatoonii Dubaay, Amajjii 24, 2020

Torban lamman darbee biyyaootan awuroopaa keessatti dorgommiin fiigichaa kan qaxxaamuraa biyyaa, walakkaa maaratooni fi maraatonii guutuu taasifamaa akka turan gabaasamaa turre.

Torban kanas biyyaa Ispeenii fi Yunaayitid Arab Emereets keessatti fiigichoon sadarkaa feedereshiini atileetikisii adduunyaati beekaman taasifamani jiru.

Akkuma kanaan jimaata dheengaddaa biyya yunaayitid Arab Emereest magaala Abudaabiitti, dorgomiin fiigichaa maaraatoonii dhiiraanis , dubartootaniis taasifamee ture.

Dhiiraans dubartidhaanis atileetonii keenuyaa moo’aniiru. Dorgomii dhiiratiin lammiin keeniyaa Titus Ekiru sa’aatii 2:06:13n xumuree 1ffaa yemuu bahu, lammiin Tanzaaniyaa Alphoonce Selikis Simbu sa’aatii 2:07:50 xumuruudhaan 2ffaa baheera. 3ffaa amma 5ffaatti kan bahan lammiilee keeniyaati. Lammiin keeniyaa inni 1ffaa bahe ji’a caamsaa darbe fiigichaa biyyaa Itaalii magaala Miilan keessatti tasfameen sa’aatii 2:02:57 moo’uun isaa gabaasameera.

Dorgommii dheengaddaa irratii sa’aatii 2:04: 40 gadi xumuree rikoordii bakkichaa cabsuudhaaf dhaadatee ture. Hin taaneef.

Wal dorgommii dubartootaas kan moote lammii keeniyaati. Juudith Jeeptum Kooriirii jedhamtti. Sa’aatii 2:22:30 itti fudhate. Kanaan duraa figiichaa wal fakkaataa , biiya Sarbiyaa Beelgireed, biyya Itaalii Veensi fi biyya Tarkii Izimir keessatti kan moote lammiin keeniyaa kun atleetii isheetti aantee 2faa baatee daqiiqaa Afurii oliin dursuudhaan.

Lammiin Itiyoophiyaa Abebech Afeworq Beqelee sa’aatii 2:29:43n xumuruudhaan 4ffaa baateetti.

Karaa biraatiin Dilbata kaleessaa biyaa Ispeen naannoo magaalaa maadiriiditti fiigichii qaxxaamura biyyaa <<Cross Internasiyoonal de Alkoobeendas >> jedhamu taasifamee ture. Dhiirs , dubartoonnis irratti hirmaatanii turan.

Dorgommii kana daqiiqaa 29: 23n xumuruudhaan 1faa kan bahe lammii biyyaa ispeen Abdessamad Oukhelfen . fiigichaa kana silaa kan moo’atee dhalataa biyya burundii kan ta’e Rodrigue Kwizeeraa ture. Garuu uffataa garee ykn kilaabii isaa biyya ispeen keessa jiru hin uffanne jedhamee moo’ichii isaa fudhatama dhaabeera.

Fiigichaa dhiirotaa kanaan lammiin ugaandaa Toomas Ayeekoo 3ffaa yemuu bahu, 1ffa, 2ffaa ,akkasumas 4ffaa irraa jalqabee ammaa 10ffaa kan bahan lammiilee biyya Ispeen.

Lammiileen Itiyoophiyaa hirmaachuuf dhiisuu isaanii wanntii gabaasame hin jiru.

Wal dorgommii dubartootaatiin daqiiqaa 26:45n xumuruudhaan kan injifattee lammii Eeritiraa Dolshi Tesfuu ti. Lammiin keeniyaa Luusii Mawiyaa 2ffaa yemmuu baatu ,lammiin Itiyoophiyaa Likkinaa Ambaawu 3ffaa baateetti.

Doolishi Tesfuu ergaa wal dorggomiicha mootee booddee yaadaa kenniteen sadarkaa adduunyaatii maqaa ishee tooraa atileetota lammii biyyaa ishee Zeresenaay Taadesee, Kidaanee Taadesee fi Teklemaariyaam Medihin keessa galffachuu isheetiif akka gammadde ibsitee, Shaampiyoonii Atileetiikisii adduunyaa isa biyya yunaayitid Isteets kutaa biyya Orgen keessati taasifamuuf of qopheessaa jiraachuu ishee himteetti.

Shaampiyooniin Atileetikisii adduunyaa marsaa 18ffaan ji’a Adoolessaa bara 2022 Oriigan keessatii taasifama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG