Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’eel Ibsa kennan


Dr. Dabrassiyoon Gabramikaa’eel (suuraa faayilii)
Dr. Dabrassiyoon Gabramikaa’eel (suuraa faayilii)

Naannoo to’annee gadhifnee kan baaneef fedhii keenyaan hojii itti fufanii jiran mijeeffachuuf malee akka mootummaan Itiyoophiyaa duula waraanaan deebisee qababdhe jedhu sun dhugaa irraa fagoo jira jedhan Dr. Dabra Tsiyoon.

Hojii dabalataa fi sirreefamuu qabanin kan ka’e kana murteessine jedhanii diina kan ittiin jedhan mootummaan Fedeeraalaa sirna kufaa jiru fi carraa abdii kutannaa qabu gargaaramaa jira jedha.

Deemsa wal waraansaa kana keessatti humnootiin alaa gidduu seenuun itti hirmaataa kan jiran ta’uus waan jijjiran hin qaban jedhanii Tigraay Dhiyaa Itiyoophiyaa bakka adda addaatti dararaan dhalattoota Tigraay irra ga’aa jira jechuun himatan.

Kaayyoon keenya bu’aa dhalattoota Tigraay eegsisuu malee iddoo qabachuu miti kan jedhan Dr. Dabra Tsiyoon Gabra Masqal gara marii karaa nagaatti akka dhufu dirqiisiifna ykn ni barbadeessina jechu isaanii gabaafameera.

Gama kaaniin haleellaan Dilbata kaleessaa xayyaara nam-maleeyyiin magaala Maqalee ganda tokko keessatti gaggeeffame manneen lama diiguu isaa garu lubbuu namaa irraan waan ga’e akka hin jirre oduu gabaasaan RSA Maqalee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG