Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr.Ruuti ‘Diqqoo’ Waariyoo Afrikaatti akka ijoolleen gurrii ulfaatu komputeraan wal haasahan ‘app’ hojjachuufiitti jirti


Dr. Ruuti 'Diqqoo' Waariyoo Saayintistii Komputeraati ijoollee gurrii ulfaatu 'app' baasuutti jirti
Dr. Ruuti 'Diqqoo' Waariyoo Saayintistii Komputeraati ijoollee gurrii ulfaatu 'app' baasuutti jirti

Dr. Ruuti 'Diqqoo' Waariyoo saayintistiin Komputeraati, ijoollee gurrii ulfaatuu,duuda 'app'baasuutti jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:52 0:00

Dr.Ruuti ‘Diqqoo’ Waariyoo Afrikaa Kibbaatti porofeesera yuniversitii Free State. Haga baruma PhD cufaa achumatti hobbaafatte.

Ammallee achumatti itti gaafatamtuu dipaartimentii Komputeraa fi Teknooloojiiti.

“Ani namuma baaddiyaatti dhalatee guddatee qoraanii bisaanillee dhaqe” Lafa keessaa dhufe teknooloojiin faluuf barumsa komputera jalqabde. Diqqoon Keenyaatti ijoollee Marsabeetiiti.

Ijoolleen dubraa barumsa saayinsiillee akka dandeettu agarsiisuuf barumsa jalqabee jette.

Digii lammeessoo yoo Free State keessatti nama 20 waliin jalqabdee kophaa eebbifamte.“Achuma aayyoon naan jette waan qabadhe fulaan gahaa jedhee dhiisuu dide,” jette.

Dr. Ruuti ijoollee Afrikaa akkana qarqaaruu feeti. Keessattuu ijoollee gurrii ulfaatu, ykn akka aadoyyee wa hin dhageenne gargaaruutti jirti.

Porojeektii Vision Based Gesture Recognition System jedhan ijoolleen gurrii ulfaatu,milikeeta harkaatiin komputeraan walti haasahan hojjachuutti jirti.

APP isiin hojjachuuniitti jirtu tun waan duudaan ykn namii dubbachuu fi dhagahuu hin dandeenne harkaan haasahu komputera irralleetti barreessiti.

Ammaaf Afrikaa Kibbaa ,Free State fi Keenyaa, Naayroobii keesatti garaaruutti jirti.

Afrikaa Kibbaatti ijoollee gurrii ulfaatu 30 ganna ta 9-20tti tahanitti porojeektii tanaan barachuutti jirti.Bara 2020 ammoo Keenyaa,Naayroobiitti ijoollee 1, 000 tahaniin jalqabdi.

“Ijoolleen duudaan fulaa hin qabdu…dubbiin dhibdullee wa hojjachu hin dadhamne warrallee duubatti hambisuu hin barbaanne,” jette Dr.Ruuti.

Dr.Ruuti Afrikaa Kibbaa yoo heddu sanyiin nama jibban, jabeenna barnoota saayinsiitii fi miidhaa uwwaan barnoota saayinsii hin dandahan jedhan dandeettee PhD fixxe.

“Yo fedhii qabaatte waan hin obsine hin qabdu.”Gaafa isiin barumsa saayinsii kana barattullee namii hedduun ‘ufuma saatii fixxaa dubartiin PhD gahuuf guddoo nama rakkifti jedhenii jennaan “yoo dadhabe anuu laalee dhiisa jedhee itti seene. Laalee jennaan na hin dhimne.”

Dr.Ruuti porojekti Indigenous Knowledge System jedhuun Boorana gargaarti

Porojeektiin tun akka jecha isiitti waan Booranii duruu qabu; fkn oguma innii lafee caphxe hidhee fayyisu, hidda mukaa,baala mukaa innii namaa fi horiin fayyisu fi finna isaa innii naannoon wal dandahaa jiraatuun. Kana cufaa ‘data base’ ykn akka addunyaan agartu komputera keessa kaahuu feeti.

Waraqata Qorannoo Dr.Ruuti

Dr.Ruuti ‘Diqqoo’ Afrikaa teknooloojii barnootaatiin guddisuuf bara 2018 keessa warqata qorannoo 13 baaftee baruullee saayinsii Amerikaa Springer irratti baafte.

Bara 2019 ammoo warqata qorannoo 4 baafte. Ganna afur keessatti waraqata qorannoo 30 baafte.

Barana haga guddaan karuma Afrikaan guddisan irratti wa barreessite.

  • ICT for the development of Africa
  • IST information technology system
  • Vision based hand gesture
  • South Africa Computer Lecturers Association fa jette.

Ganna afur keessatti waraqata qorannoo 30 bafte.Akka Dr., Ruuti jettetti app amma Keenyaatti garuma fedhaniin bilbila harka irraa horiin walii ergan M-Pesa ijoolluma barnoota komputeraa baratanitti jalqabe.

Dr.Ruuti saayintistii Komputeraati.Saayintistiin Komputeraa waan kakkana hojjata:

  • Computer programing
  • Data base
  • Web design
  • Mobile development
  • Internet connection
  • Networking
  • Cyber security fi waan hedduu hojjata.

Dr.Ruuti hujii hojjatteef biyya hedduu keessaa waraqata ragaa argatte ammallee konfereensii ogeeyyotii saayintistoota addunyaa Adoolessa 26-31 Orlaandoo, Filooridaatti walti dhufan Human Computer Interaction 2019f dhufuutti jirti.

Kora sun irratti porojeektii Duudaa Afrikaa gargaaruuf baafatte Vision Based Gesture Recognition System addunyaatti himatti. Warrii achitti walti dhufulleen hujuma akkanaa kana wal agarsiifata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG