Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr.Alii Birraa fi,Muktaar Usmaan Muuziqaa Oromootiin maan jedhan?


Durii dibbee fi waan akka akkaatiin jalqaban,barii amma deemuma deemee ka “digital age” bara makiinaa lafa deemuu fi xuyyuurii qilleensa irra deemullee komputeraan hajajamu geenne.

Tana keessaa namii akka durii kaan muuziqaa caqasuuf,cd,teeppii fi waan akkanaa barbaada hin yaahu.Namuu waan qabu kiisii,fi borsaa ufii keessaa luqqisee gurratti keeyyate waan caqasu caqasa.Adoo tana jennuu bara wannii cuftii guyyuma guyyaan jijjiiramaa yaatu kanatti muuziqaan Oromoo akkamiin jireenna, aadaa, siyaasaa fi eennummaa saba tokkoo guddisa,,jijjiiree addunyaan wal dhaqqabsiisa?

Dr.Alii Birraa Oromiyaa,afaan Oromoo,seenaa Oromoo,abbaa gadaa,siyaasaa fi waan hedduu faarsitee deemuma deemtee Alii Birraa …boonaa …akkam bareeddaa jettee ufillee faarsite amma maanti hafe jennaan”kun gahaa mitii weellistootii amma dhufaa jiraan irraa waan hedduu eeganna ,”jedha.

Akka jecha Dr.Alii Birraatti nama sirbu qofaa mitii namii cuftii muuziqaa kana guddisuun hujii nama cufaa tahuu malte.Taatullee muuziqaan Oromoo ka duriitiin yoo wal biratti qaban waan durii hin jirre hedduutti gadi yaahuutti jira.

Umar Usmaanillee tanuma jedha,taatullee addunyaa dhaqqabanna jedhanii muuziqaa fi aadaa gargar fageessanii jennaan hin tolfannaa haftee tortorfanneen dhufti.

“Muuziqaan Oromoo guddate jechuu manna yoo amma mumullachuutti jiraa,wantii jiraa gaduma yaahuutti jirra jenne wayya…wannii amma mullataa naannigaa guutamee irraa cophu…ka caphuuf guutame fakkaatti…cabsee bahee jennaan …galaana tahaa qabaatti dhiba.”

Mee waan Alii fi Umar jedhan MP3 tana irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG