Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr.Verjiiniiyaa Luuling Oromoo Qofaa Mitii Baqataa Afrikaa Hedduuf Wa Baate


Dhalootaan nama biyya Awurooppaatti, yuniversity Oksfoordi barattte,Open University barsiiftee,kitbaa akka akkaa barreessite,qabsooftuu mirga ilmaan namaati.Barmusaa fi garaa naasuu ilmaan namaatii qabduun rakkoo Oromootii fi baqataa biyya Afrikaa hedduutti isii galateeffata.

Dr.Verjiiniyaan qaraa Gadaa Oromoo bara 1960 keessa Paul Baxter fa waliin barattee, barreessitee “seenaa ummata seera jabaa akkanaa(Gadaa) kanaan bulu waan isaanii barachuu fedhaa jette itti seente,” akka namii bara dheeraa isii waliin hojjate Dr.Mohamed Hassan jedhetti.

Tana malee Dr.Verjiiniyaan warra ORA, (Oromo Relief Association) ykn dhaaba gargaarsa Oromoo Londonitti yayyabe keessaa tokko.Yayyabuu qofaa mitii itti gaafatamuu waldaa kanaa taatee hojjattee waldaa kanallee rakkoo hedduu keessaa baafte.
Akka Dr.Mohamaditti, “Verjiniyaan eegii gaafas ORA,maddii dhaabbachuu eegaltee haga bara dabree waggaa 33tiif, ORA maddii dhaabachuu turte…ammam ummata keenya akka jaalattu beekuu dandeenna jechuu.”

Tana maleellee Dr.Verjiniyaan nama barumsa qabuun baqataa Afrikaa addunyaatti lallabuun gargaaraa baate.Gaafa mootummaan Dargii olloota walti qubsiisuuf jedhee nama naannoo gara garaatti walti guuree,kaan hidhaatti guuree ,kaan horii isaa irraa saamee nama rakkisellee akka jecha Dr.Mohamaditti isiitti rakkoo ummataa kanaa addunyaan gahe.Baaddiyaa Oromiyaatii fi Somaalee naannoo Afgooyyee deemtee waan argite addunyaatti himteef.

Adoo tana jennuu Dr.Verjiiniyaan maaniif Oromoo gargaaruu feete,nama akkanaa akkamitti horatan,horatani ammoo akkamitti jabeeffatan?Mee qophii teenna kutaa duraa ta Dr.Mohammad nutti hime nuu caqasaa.

Mee tana ammoo caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:31 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG