Xurree ittiin seenan

Breaking News

Du’a Sukanneessaa Dargaggeesa Oromoo - DC 9


Alii Ahmad Mohaammad
Alii Ahmad Mohaammad

Onkololeessa 15 bara 2010 as Waashingtoon DC keessatti, halkan waarii irra dabree lafa bari’uutti deemuu dargageessi umriin 27 Alii Ahmad Mohaammad namoota shaniin eega tumamee dooda, dhuma irratti lubbuun isaa darbuu sabaa himaaleen adda addaa gabaasanii jiran.

Qorattonnii fi sabaa himaan naannoo DC akka jedhanitti, Aliin Onkololeessa 15 halkani waarii booda mana dhiichisaa ykn Daansii "DC 9" jedhamu ol seenuuf yaalee waan dhorkameef jecha, dhagaa darbatee foddaa manichaa haleele. San booda abbaan mana dhiichiisa sanaa hojjatoota ka biroo afur waliin, Alii faana fiiguun qabanii reeban, dhiitan, tuman, Aliin hospitaala ga’ee yeroo xiqqoo dhaa booda du’e.

Qondaallii poolisii DC fi naannoo ishee Kaatii Laanyier waan uumame kana ilaalchisee ibsa kennaniin "qabeenyaatu manca’ee jedhanii reebbicha bineensummaa akkasii rawwaachuun, dhuma irratti lubbuun namaa darbuun,”haqa“ yaadii jedhu yoo jiraate, kun waan gonkumaa fudhatama qabu miti, dubbii foggisoo dha" jedhan.

Daragaggoo Alii Ahmad Moohaammad yaadachuuf jecha, sirna mormii dungoo ibsuun magaalaa Washington Dc keessatti gaggeefamee irratti lammiwwaan Itiyoophiyaa lakkofsaan hedduu ta'an argamanii turan. "Amerikaa keessatti yakki akkasii rawwatamee arguun waan fudhatama qabu miti, nama shan ta’anii nama tokko miidhuun gocha gara-jabinaa fi bodatti hafaa dha." jedhu.

Abbaa Alii, Obbo Ahmad Mohaammad Galchuu sirna kana irratti "ilmii koo nama hokkara jaallatu miti. Haala kanaan isa dhabuu kiyyatti gadda guddaa tu natti dhagahama" jechuun sabaa himaaf ibsan.

Ilmi isaanii Aliin, Oromiyaa Godina Arsii magaalaa Asallaa keessatti dhalatee barnoota isaa kan sadarkaa duraa fi giddu galaa achuumatti eega xumuree booda, kan sadarkaa lammataa as Amerikaa keessatti xumuruu isaa dubbatu, Obbo Ahmad.

Maatii fi Fira Dargaggoo Alii Ahmad Mohaammadiif jajjabina hawwinaaf.

MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG