Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartoonni 2 fi Ijoolleen 3 Yabala Andaara Galaana Liibiyaatti Cabde Keessa Turan Bishaaniin Nyaatamun Ibsame


Yaballi gara Awrooppaatti imaluuf yaalaa turte andaara galaana Liibiyaatti waan garagalteef dubartoonni lamaa fi ijoolleen sadii bishaaniin nyaatamuu isaanii angawaan tokkummaa mootummootaa tokko beeksisaniiru.

Angawaatuun kun akka jedhanitti yaballi qurxummii ittiin qabanii fi waardiyyaan andaara galaana Liibiyaa kolu galtoot 77 yabalttii irra turan baraaruu dhaan gara qarqara galaanaatti fidanii jiran.

Balaan yabala irra ga’ee kan lubbuu galaafate kibxata darbee daandii koolu galtoonni irra deeman kan galaana Mediteraaniyan isa boodanaa ti jedhan.

Baatii darbe andaara galaana Liibiyaatti kolu galtoonni 55 ol du’uutu gabaasame. Afriikaa fi giddu galeessa bahaa keessaa waraansaa fi hiyyummaa jalaa koolu galtoota dheessaniif Liibiyaan karaa darbaa ijoo taatee jirti.

Biyattiin boba’aan badhaate kun bara 2011 hoogganaan ishee yeroo dheeraa Mohaammad Gaadaafii erga aangoo irraa darbamanii as jeeqamaan raafamaa jirti.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG