Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartoonni gudeeddiin dirqii irratti raawwate gargaarsaa barbaadu


FAAYILII - Hoospitaala Riiferaalii Dasee
FAAYILII - Hoospitaala Riiferaalii Dasee

Yeroo humnoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay naannoolee Amaaraa fi Affaar to’atanii turanitti dubartoonni naannoo Amaaraa keessatti humnaan gudeedamuu himatan, deggrsaa fi gargaarsa kamiyyuu akka hin argatiin jiran dubbatan. Dubartoota Raadiyoon Sagalee Ameerikaa dubbise sadii keessa tokko yeroo sanatti mucaa daa’ima baatii afurii ka baattu tahuu ishee himtee, “gurmuudhaan gudeeddii na irratti raaw’atame irraa kan ka’e amma dhukkubbii dugdaa hamaadhaanin rakkachaa jira,” jette. Dubartiin lammaffaan, dhukkuba quunnamtii saalaan daddarbuun rakkachaa akka jirtu ka dubbatte yoo tahu, dubartiin sadaffaan ammoo, gudeeddii irratti raaw’atame irraa kan ka’e hawaasa naannoo isheetiin moggaatti qoodamuu ishee himatti.

Dubartoota gochaan akkanaa irratti raaw’atameef kan tajaajila gorsaa kennaa jiran, Solomoon Fissahaa, Raasiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, dubaroonni miidhaan akkanaa irratti raaw’atamee tajaajila fayyaa argatan 208 tahuu eeruudhaan, kanneen keessaa garii ulfaa’anii, kaan immoo dukkuba quunnamtii saalaan daddarbuu fi HIVn qabamanii akka dhufan hubachiisan. Daarektarri Tajaajila Fayyaa Hospitaala Desee, Dr. Hayimaanota Ayyelee ammoo dubartoonni kan biraan wal’ansa fayyaaf gara hospitaalichaa dhufanii wal’aansa argatan 300 tahuu dubbatan. Dubbatoonni kun tajaajila qaamaa fi qor-qalbii akka isaan barbaachisu ibsaniiru. hospitaalli Dasee gama isaan wal’aansicha kennuuf akka carraaqaa jiru dubbatan.

Humnaan gudeeddii fi dhiittaaleen mirga namoomaa ka biroon, naannoolee kan biraa keessattis geggeessamuun isaa akka gabaasamee ture Masfin Arraagee Dasee irraa qindeessee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG