Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartoonni Sadii Badhaasa Noobel Kan Nagaa Argatan


Dubartoonni kun nageenya dubartootaa fi mirga dubartootaa mirkaneessuuf qabsoo karaa nagaa geggeessaniif badhaasaman jedha Koree Badhaasa NOOBELII, kan Har’a OSLOO irraa badhaafamtoota bara kanaa labse.

Dura-taa’aan Koree Noobelii TORBEERN JAGLAAND badhaasni kun, guutummaa Addunyaa keessatti dhimmoota dubartootaa ilaallatan irratti hubannaa fi dammaqinsa akka kennu kan abdii qaban tahuu dubbatan.

ELLEN JOONSEN SERLIF LEYMAA GBOWEE fi TAWAAKKUL KARMAAN-iif badhaasni kenname kun hacuuccaa dubartootaa yeroo ammaa biyyoota hedduu keessatti mul’atu dhabamsiisuuf akka gargaaru, Dimookiraasii fi nageenya dubartoonni bakka-bu’an fiduuf dandeettii guddaa jiru akka hubachiisu Koreen NOOBELII, ka biyya NORWAY abdii qaba - jedhu Hoogganichi Koree kanaa JAAGLAAND.

Ka badhaasa NOOBELII tokko sadiitti badhaasaman - dubartoonni sadeen maallaqa badhaasichi argamsiisu Doolaara Miliyoona tokkoo fi kuma dhibba shan sadiitti qooddatu.

Badhaafamtoota sana keessaa Kan umuriin toorbaatamii-lamaa Prezidaantittiin Laaybeeriyaa Elen Joonseen Serliif Seenaa Afrikaa keessatti, dubartii filannoo dimokiraatawaan filataman isaan duraa ti.

Qabsooftuu fi gaazzexeessituun biyya YEMEN, kan umuriin soddomii-lamaa -- TAWAKUL KARMAAN-s biyya ishee keessatti, mirga dubartootaa fi dimookiraasii fi nagaaf qabsoo geggeessamu keessatti qooda hoogganummaa gomaachaniif jedhamuun, dubartii sadaffaa Badhaasicha qooddatan tahuun himamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG