Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbiin Jjijjiirama Qilleensa Falamaa Siyaasaa Tahaa Deemiti.


Biyyoonni Guddachuutti Jiran Biyyoota Duureyyii tu Faalama Qilleensa Naannoo Nutti Fide, Horii Ittiin Bosona Dhaabbannuu fi Qilleensa Wayyeeffannu Nuuf Kennuu qaban, Jedhu.

Harooleen goggogaa,lafti duraan qabbanooftu oowwaa ta oowwitu ammoo qabbanaahaa,cabbiin baqaa dhufuutti jirti.Dhukkubi dur gammoojjiitti beekamullee amma baddaa haga tokkoo gahuutti jira.Qilleesna addunyaa ka baruma baraan jijijjiiramu tu akkana waan hedduu jijjiiramaa deemuutti jira. Jijjiirami kun Oromiyaallee hin hanqanne.

Hoogganoonni biyyoota addunyaa kanneen bara dabre Kooppenheegen, Denmaarkitti kora taahan "korri baranaa ka nami hagii guddaan faaydaa guddaa irraa hin eegne" jedhu. Akka Dr.Girmaa Baalchaa,daarktarri Foorumii Jijjiirama Qilleensa Itoophiyaa jedhanitti dubbiin jijjiirama qilleensa addunyaa tun marii caala falmuu siyaasaa tahaa dhufuutti jiriti.Biyyoonni akka Amerikaa,Chaaynaa faa aara gama isaaniitii qilleensatti makamuun diqqeessuuf warshaalee diqqeessuu qaban, yaada jedhu hin fudhatan.

Amerikaan warshaa jiru diqqeessuu seerri biyya teennaa nuu hin eeyyamuu, jetti. Chaayinaalleen akkanuma tanaafuu falli tokko jiru biyyoota hiyyeeyyii keessa bosona dhaabanii akka aarri hamaan akka CO2 faa qilleensatti hin makamne tolchuu.

Gaaffii Dr.Girmaa Baalchaa waliin geggeessame MP3 tuquun caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG