Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duguggaan Sanyii Sodaa Akkuma Ta’eetti Jira: Tokkummaa Mootummootaa


Waajjira Tokkummaa Mootummootaa (suuraa faayilii)
Waajjira Tokkummaa Mootummootaa (suuraa faayilii)

Waa’een duguggaa sanyii kan kitaaba irratti katabamee jiru qofa otoo hin taanee har’a illee sodaa uumuu isaa Tokkummaan Mootummootaa akeekkachisee jira.

Gochi kun dhaabachuu akka qabu Tokkummaan mootummootaa kan akeekkachiise, sadarkaa addunyaatti kanneen duguggaa sanyiin dhumaniif yaadannoo akkasumas kabajaa kennuuf guyyaa ramadameen har’a ture.Yakki kun ittifamuu akka qabu hubachiisee jira.

Barreessa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees, gama marsariitiin addunyaaf akka himaniitti, seenaan deebisee of fida jedhanii, uummanni dammaqinaan akka ilaaluu qaban akkasumas akkachiisa duraa duguggaan sanyii mul’isuu akka hubachuu qaban gaafatan.

Erga bara 1945 kaasee walitti bu’iinsa hokkaraan gaggeeffaman isa sadarkaa olaanaa argaa jirra kan jedhan Gutarrees, yeroo dheeraaf kan turanii fi akkaan wal xaxaa ta’u ibsan.

Itti gaafatamuummaan hin jiru, kana malees kabajamuun mirga dhala namaa fi seeraan buluuf ilaalchii kennamuu hin jiru kan jedhan Gutarrees, enyummaa irratti hirkachuun haasawaa jibbinsaa dhaga’aman, nama kakaasuu fi loogiin baballachuun kan itti fufee ta’u fi kunis bu’aa siyaasaa fi dhiibbaa geesisuuf kan ta’u jedhan.

Kun hundumtuu mallattoo akeekkachisaa kan tarkaanfiin irratti fudhatamuu qabu ta’u Gutarrees hubachisanii jiru.

Siriyaa Yaman Sudaan Kibbaa Afgaanistaanii fi iddoo biraatti walitti qabaan tarkaanfiin seeraan alaa kan hedduun isaanii akka yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti gaggeeffameetti kanneen ilaalaman gaggeeffamuu hayyonni Tokkummaa Mootummootaa fi gareeleen mirga dhala namaa gabaasaa turan.

Gabaasaaleen Hangii tokko immo duguggaan sanyii Maaynamaar Chaayinaa Itiyoophiyaa fi biyyoota biraattis gaggeeffameera jechuun himatu.

Duguuggaa sanyii, fixiinsa gosaa fi yakka dhala namaa irratti gaggeeffamuu ittisuun itti gaafatama tokkummaa mootummootaa ta’u gumii walii galaa jaarmayichaa isa 76ffaa irratti ibsamee ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG