Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dullii Waraanaa Afaar Keessatti Irra Deebi’ee Jalqabauun nu yaaddeessee Jira: Need Praayis 


FAAYILII - Dubbii himaa ministrii dantaa alaa Yunaaytid Isteetes, Need Praayis
FAAYILII - Dubbii himaa ministrii dantaa alaa Yunaaytid Isteetes, Need Praayis

Guyyoota muraasa darbana kana keessa Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) bulchiinsa naannoo Afaar keessatti duula waraanaa gaggeessaa akka jiru ibsuu isaa kan ilaaleen kan gaafataman dubbii himaan ministrii dantaa alaa Yunaaytid Isteetes Need Praayis, wal waraansii haaraan naannoo Afaar keessatti ka’uun akkaan yaaddeessaa ta’u fi kan hundi keenya beeknu gargaarsii dhala namaa akkaan barbaachisaa ta’e akka hin dhaqqabne waan ittisuuf gamnii hundumtuu tarkaanfii fudhatan sana dhaabuu akka qaban irra deebinee gaafanna jedhan.

Kaawunsilii ministeerootaa Anajjii 26 labsii yeroo hatattamaa kan guutummaa biyyatti keessatti hojii irra olaa jiru kaasuuf murannoo qabu ni simanna kan jedhan Need Praayis, murtiin kunis mana maree bakka bu’oota uummaataan raggaatii akka argatu nana abadadha jedhan.

Mootummaan namoota labsii yeroo hatattamaa namoota hidhee hundaa akka gadhiisu gaafanna jedhanii, paartileen biyyatti hundii marii guutuu biyyaatti hirmaatanii Itiyoophiyaa badhaatee fi Deemokraatawaa taatee argamsisuuf mul’ata qaban akka walii qoodan jajjabeessina jedhan. Mariin kun caasaa haqaa ifa ta’e kan walii galaa argamsisuuf cicha jiru dabalachuu qaba jedhan.

Guyyoota muraasa dura jilli adda kan Amerikaa Saatefield fi itti aantii ministeera dhimmootii Afrikaa Feen mummicha ministeera Abiy Ahamad waliin marii bu’a qabeessa gaggeessuu isaanii kan ibsan Praayis jilonni gamasitti iamalniis, tokkummaa abbaa biyyummaa Itiyoophiyaa fi daangaa isheef cicha qaba ibsaniiru jedhan.

Prezidaant Baaydiin torban lana dura mummicha ministeeraa Abiyyi Ahamad waliin bilbilaan dubbachuu isaanii Need Praayis yaadachisanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG