Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dura Ta’an Gamtaa Afrikaa fi Komiishiina Afrikaa Dhimma Yukreen Irratti Waamicha Dhiyeessanii Jiru


Dura ta’an Komiishiina Gamtaa Afrikaa, Musaa Faakii
Dura ta’an Komiishiina Gamtaa Afrikaa, Musaa Faakii

Yeroo ammaa dura ta’aa gamtaa Afrikaa kan ta’an prezidaantiin senegaal Maakii saal fi dura ta’an komiishiina gamtaa Afrikaa Musaa Faakii, haala akkaan bala’amaan Yukreen keessaa kan ittiin jedhan akkaan kan isaan yaaddeessu ta’u ibsanii jiru.

Hogganoonni lameen Kamiisa kaleessaa galgala ibsa baasaniin, Federeeshiniin Raashaa fi kanneen naannoo fi sadarkaa addunyaatti dhimmi kana keessaa harka qaban martii, seera addunyaa kabajuu akka qaban, abbaa biyyummaan fi eegumsii Yukreen kabajamuu akka qabu gaafatan.

Gamnii lameen hatattamaan dhukaasa akka dhaaban, addunyaa jeeqamsa hunda hirmaachisee keessaa eeguuf, nagaa uummata addunyaaf jecha hariiroo addunyaa qabdu keessatti nagaa fi tasgabii argamsisuuf jecha, karaa Tokkummaa Mootummootaan harkiifannaa tokko malee mariin siyaasaa akka jalqabamuuf hogganoonni lameen gaafachuu isaanii, waajiira gamtaa Afrikaa irraa ibsii ba’e hubachisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG