Dureessichi hidda dhalataa Afrikaa Kibbaa kun hojjettoota mootummaa federaalaa kanneen miliyoona 2.2 ta’an to’achuu akkasumas, jijjiirraa guddaa mootummaa keessatti akka fidu kan aangoo isa dandeessisuu argatee jira.
Rooyiters akka gabaasetti kan umuriin wagga 53 dureessichi addunyaa kun michuu pirezdaant Doonaald Tiramp yoo ta’u, torban lama keessatti as Washingjton keessatti giddu-gala yookan waaltgaa aangoo haarawaa hundeessee jira. Kunis ajaja ol aanaa kan Tiramp hojii mootummaa xiqqeessuu dhaan baasii gad buusuu hojii irra ennaa oolchutti.
Seera tumtoota Demoktaatotaa dabaatee qeeqxonni Mask, mootummaa humnaan dhuunfate jechuun himatan.
Waldaan hojjettootaa hojjettoota kana bakka bu’u Kibxata kaleessaa, bulchinsichi karoora inni hojjettoonni maallaqa muraasa fudhatanii hojii akka gad dhiisan gaafate dhaabsisuuf jecha himata seeraa galfachuu beeksise. Angawoonni Yunaayitid Isteetis Rooyitersiif akka himanitti hojjettoonni 20,000 ol ta’an hojii gad dhiisuuf karoorsaniiru.
Hoogganaan dhaabbata Teslaa fi hundeessaan SpaceX, Mask erga Amajjii 20 sirni hirbuu seenuu geggeessamee as hojjettoota isaa akka ta’aniif garee hojjettoota kampanii isaa duraanii fi kan ammaa bobaasee jira.
Tarkaanfiin Mask hojjettoota mootummaa yaaddoo keessa kan galche yoo ta’u mormii uummataa Washingten keessatti kaasisuu dhaan ajandaa Tiraamp kan ofii isaanii haguugee jira.
Lammiileen Ameerikaa nama dudduubi isaa qorannaa naga eegumsa sadarkaa olaanaa hin qabnee fi adeemsa mirkaneessaa Seenetii kamiyyuu keessa iyyuu hin dabarre aangoo giddu galeessa ta'uu isaa argaa jiru, jedhan Yunivarsiitii Michigaan keessatti piroofeesara Mana Barumsaa Imaammata Uummataa Foord kan ta'an Don Moynihan.
Itti dabaluudhaanis, "Maask kan kaaan dura hin argamnee fi giddugaleessa ta'e kan bu'uuraa ta’een mootummaa to’ata jedhan
Prezidaant Tirdamp Wixata ibsa tuuta oduuf kennaniin Iilan Mask tarkaanfii fudhatu kamiifuu White House biraa mirkanuu argata jedhan.
Forum