Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dursanii Uummata Barsisuun Bu'aa Guddaa Qaba


Walitti bu'iinsa amantii godina Jimmaa keessatti uumameef kanneen itti gaafatamoo ta'an to'annaa jala oolu isaanii kan gamasitti imalee deebi'ee Gazexxessaa fi brreessaa kitaaboota fi barruulee waa'ee dhimma musleemaa Ahmaddiin Jabal Mohammed ibsee jira.

Naannoo jimmaa keessatii rakkoo amantii mudataniif sababaalee adda addaatu jira kan jedhu Gazexxeessaa Ahmaddin, fakkeenyaaf waajiira dhimma musleemaa Jimmaa keessa jiru uummanni kan hin feenee waan ta'eef iyyata isaa waajiira mummicha ministeera Itiyoophiyaatti eega dhiyeffate bubbuleera. Kanaaf jecha hawaasni musleemaa rakkoon yeroo irra ga'u kan ol iyyatuuf dhabuun isaa, ofii isaa tarkaanfii akka fudhatu dirqisisaa jedha.

Sababaa biraan uummata naannoo hasoofsisee argadhe jedha Gazexxeessaa Ahmaddiin, ammaan dura masjiidonni iddo adda addaatti gubatanii sabaa himaan ituu hin gabaasamin bira darbame, kanneen yakka kana geesisan jedhaman eega qabamanii booda, adaba tokko malee gadhiifamuun uummata mufachisaa akka ture dubbatan jedha.

Gama kaaniin immoo hordooftonni amantii proteestaantii barri ammaa kan Yesuus malee kan mohammeed miti jechuun, raadiyoo kristaanaa keniyaa irraa darbu meeshaa sagalee guddisu muka irratti fannisuun akka naannootti dhaga'amu gochuun komee biraa uummanni dhagesisu yoo ta'u, komee yeroo dheeraaf tureetu walitti bu'iinsa kanaaf ittiin ka'uumsa ta'e jedha uummanni jedhe Gazexxeessaa Ahmaddin.

Rakko akkasii hambisuuf , marii geggeessuu, kanneen yakka raawwatan seera duratti dhiyessuu akkasumas yeroo rakkinni ka'u qofa otoo hin taane yeroo nagaas uummanni amantii walii kabajee haala itti jiraatu barsisuun dirqama ta'a jedha Gazexxeessaa Ahamddiin Jabal Mohammad.

MP3 tuquun guutummaatti dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG