Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duula Raashaan Yukreen Irratti Gaggeesituun Afrikaan Rakkachuuf Jirti:Hogganaa Paartii Mormituu Afrikaa Kibbaa 


Miseensi waraana Raashiyaa taanlii yeroo dhukaasu, Mariwupol, Yukiren, Camsaa 5, 2022.
Miseensi waraana Raashiyaa taanlii yeroo dhukaasu, Mariwupol, Yukiren, Camsaa 5, 2022.

Raashaan weerara Yukreen irratti gaggeessiteen kan ka’e dhiibbaa uuamuuf Lammiwwan Afrikaa qophaa’uu qabu jechuun hogganaan paartii mormituu guddichi kan Afrikaa Kibbaa Joon steenhuisen akekkachisanii jiru.

Kanas kan akeekkachiisan imaltuu guyyaa 6f Yukreen keessatti gaggeessan kamiisa kaleessaa ennaa xumuranti ture. Mgaalaalee handaara magaalaa Kiyaav jiran irratti badiin dhaqqabe qalbii nama cabsa jedhan.

Afrikaa fi biyyoota gidduu galeessa bahaa keessatti Muraa Daabboo jiru 3 keessaa tokko kutaa Yukreen keessa jirtu keessaa dhufa.Zayiita ittiin nyaata bilcheessan akkasumas xaa’oo qonnaaf barbaachisuu oomishuun beekamu. Kana malees Kutaa sana keessatti nageenyi dhabamuun gatiin boba’aaaa akka dabaluu taasisee jira jedhan.

Afrikaan keessumaa kan miidhamtu sababaa hiyyuuma sadarkaa olaanaa qabduuf jedhan.Paartiin Afrikaa kibbaa bulchaa jiru ANCn duula waraanaa Raashaan Yukreen irratti rawwattee balaaleeggachuu diduun callinsaan ilaalaa yrtii jiru kanatti, paartiin mormiitu biyyatti kana jedhe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG