Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duuti Lammii Ameerikaa Hoteela Keessatti Du’ee Argamee, Sababaa Uumamaan  Tahuu Qorannaan Hospitaalaa Mirkaneesse: Poolisii 


Komiishinaarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Demmellaash G/Mikaa’el
Komiishinaarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Demmellaash G/Mikaa’el

Koomishiniin poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa, dhimmoota nageenyaa ka yeroo filannoo irratti har’a ibsa gaazexeessotaan kenneen, lammiin Ameerikaa taajjabbii filannoof dhufee kutaa siree hoteela isaa keesatti du’ee argame, “ sabaabaadhuma uumamaa ka du’e tahuu hospitaalli Phaawuloos mirkaneessee jira” jedha.

Gondar Kaabaa fi Shawaa Lixaa keessatti humnoonni hidhattootaa rakkoo uumuuf yyalaniyyuu, humni nageenyaa gahumsaan yaalii kana aggachuudhaan, filannichi danqama tokko malee akka geggeessamu taasisee jira, jechuunis ibsee jira.

Komiishinaarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Demmellaash G/Mikaa’el, “Filannoon biyyaalessaa Itiyoophiyaa marsaa 6ffaan nagaadhaan xumurame” jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Komiishinaarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Demmellaash G/Mikaa’el,
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:26 0:00

Dhaabannii Kaarter Senter Gadda Isaa Ibse

Dhaabanii wiirtuu Kaarter (Carter center) jedhamee beekamuu lammii Amerikaa fi hojjataa isaa wixata dheengaddaa Itiyoophiyaa keenasati du’aniif gadda itti dhagahamee ibseera.

Akka ibsii kaarter senter irraa bahe jedhutti, namii John Marsh jedahmuun beekaman dhimma filannoo Itiyoophiyaa hordofuudhaaf hojataa kaarter senter ta’anii erga deemanii boodaa sababa hin beekamneen du’anii argaman.

John Mash dhimma mirga namoomaa, haqa fi demokiraasii Afrikaa bahaa irratii kaarter senterii wajjin bara 2005 hanga 2008 ti akka hojjatan kan hime ibsii wiirtichaa, bara 2008 hanga 2009 ti garee kaarter senter hoganuudhaan filannoo biyya Gaanaa irratii hirmaachuu isaanii himeera.

Dhabanii kaarter senter du’a john Mash ilaalchisee maatii isaanii fi frotaaniif gadda isaa ibseera.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa yunaayitid isteets Ned Price wa’ee d’ua lammi Amerikaa John Mash VOA dhaan gafatamii du’a isaanii akka beekaanu dubatanii, kabaajaa maatii isaaniitiif jechuudhaaf wa’ee du’aa ilaalchsee waan biraa akka dubachii hin dandeenye himaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG