Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duutii Eega hin Oollee Iyyataa dhuma Duuna


Baqatonni Itiyoophiyaa kanneen seeraan dhaaba baqatootaa kan Tokkummaa mootummotaa jalatti galma’anii warqaa harkaa qaban 1700 Onkolooleessa 25, bara 2011 kaasee mormii dhagesisaa jran.

Kunis gargaarsi maallaqaa nu kennamu erga dhaabatee baatii 10 waan guuteef rakkataa jirra jedhu.Baqatoota kana keessa haAdholiin ijoollee qaban hedduu ta’uu baqatonni ni dubbatu.

Kana malees dhimmi keenya xumura ituu hin argatin waggaa 8 hanga 10 sana caalaas lakkoofsisaa jira jedhu.

Waajira haadhoo kan dhaaba baqatootaa ykn UNHCR Jenevaa jiru irraa Andreej Maahchichi akka jedhantti baatii Amajji bara 2011 kaasee immaammata jijjirameetu jira.

Kunis baqatonni UNHCR jalatti galma’an maallaqqa baatii baatiin argachuu mannaa naanoo isaantti waan argan hojjachuun akka of gargaaran kan jedhu jedhan.Kanneen gargaarsa argachuu qaban jennee amannu immo illaallee gargaarra garuu akka duriitti hundumaaf gargaarsa maallaqaa hin laannu jedhu

Baqattonni akka jedhantti mootummaan somaalii laand lammiwwan biyya alaa kanneen seeraan ala biyyattii keessa jiran hanga baatii Fulbaana darbee dhumaatti biyyatti gadhisanii akka ba’an ajaja eega kennee as, jiraattonni naannoo isa seeraan galmaa’ee jiruus gadhiisaa ba'a jedhanii doorsisuu akkasumas reebu jedhu.

Keessumaa baatii Fulbaanaa darbee as hojii irraa guutummaatti waan nu ari’aniif jecha rakkoof saaxilamne kan jedhan baqatonni lafa hiriirree jirrutti illee waraanatu nu marsee jira jedhu.

Waajirri UNHCR Jeneevaa jiru garuu somaamlii laand adda ta’uu hin danda’u guutummaa biyya lafaa irratti akkasumatti hojjachaa jirra jedhee falma.

Gaaffii fi Deebii Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG