Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eennutti mirgaan galata,miila eennuu kophee warqii itti naqan? Ilaa fi gurrii addunyaa faanuma Kirooshiyaatii fi Faransaay jira


Biyya tamitti moo'ee mootummaan galata?Soddomii lamatti addunyaa walti duulee 2tti shaampiyoonaaf walti hafe; Kirooshiyaa fi Faransaay.Biyyiti tun lachuu km 7,685 wal irraa fagaatti.

Amma ammoo maruma martee joolleen jara lachuutii istaadiyoomii Rashiyaatti walti marte. Biyyitii lamaanuu dorgommii kubbaa miilaa addunyaa FIFA 2018 irratti miila hedduu dandamattee asi geette.

Waan miilii jara lachuu nama tolche ammoo biyya tapha keesaa jarii baasetti beeka.

France's Kylian Mbappe controls the ball during the semifinal match between France and Belgium at the 2018 soccer World Cup in St. Petersburg, Russia, July 10, 2018.
France's Kylian Mbappe controls the ball during the semifinal match between France and Belgium at the 2018 soccer World Cup in St. Petersburg, Russia, July 10, 2018.

Faransaay eessaa dhuftee eessa geette?

Garee Awustiraaliyaa 2-1 lafa keette.

Peeruu ammoo 1-0 biraa galte

Denmaarki 0-0 gargar galte

Arjentiinaa 4-3 lafa buufte

Uraagaay ammoo 2-0 garafe

Beeljiyeem ammoo 1-0 ufi duraa gorsitee goolii 13 harattee asi geetti .

Semi Final - Croatia v England
Semi Final - Croatia v England

Kirooshiyaan akkam taatee waancaa kubbaa miilaa ka qaraa geettee Faransaayiin walti marte?

Baraqi walti jettee Naayjeeriyaa 2-0 qaarifte,

Arjentiinaa 3-0 tumatte

Ayislaandii 2-1 adabde

Denmaarki 1-1 gargar bahanii adabbiin 3-2 irra aante

Raashiyaa 2-2 walqixxee bahanii adabbiin 3-2 bira galte

Ingilaandi ammoo 2-1 bira yaate dheebuu galchite.

Warra walti hafe kana biyyaa fi biyyeen isaanii qofaa miti ilaa fi gurrii addunyaalleen faanuma jirti.

Ummatii Faransaay ummata miliyoona 70 dhiyaatu qaba ka Kirooshiyaa ammoo miliyoona 4.3.

Warrii lachuu ijoollee isaanii kilabii byya alaa jiran guurratee dhufateen.Ijoollee miila isaanii miliyoona hedduun bitatan.

Miila nama 22 yoo walti deebisan doolara biliyoona hedduu itti baasanitti dirree Raashiyaa keessa waliin taphataa jechuu.

Kirooshiyaan bara 1991 keessa Yugosilaaviyaa irraa cittee addunyaatti dabalamte.Gaafasii asitti marroo shan waancaa kubbaa addunyaatti dorgomte.

Ijoolleen Kirooshiyaa amma waancaa kubbaa miilatii taphattu tun hagii tokko gaafa biyyitii isii bilisoomte dhalatte.

Luka Modric,lakkoofsa 10 keeyyatee Kirooshiyaaf jidduu taphatu kun gaafa biyyitii isaa bilisoomte ijoollee kaambii baqaa warra isaa waliin jira.

Biyyitii diqqayyoon ummata miliyoona diqqaa qabdu ka waancaa kubbaa miilaatii dabarate Kirooshiyaan duratti,Uraagaay abra 1950 keessa.

Dejan Lovren, lakkoofsa 6 keeyyatee Kirooshiyaaf kubbaa goolii irraa dhowwu kun kialbii Liver Pooliiti bitatan.

Akka herrega isaatti jabeennii Kirooshiyaa qalbii fi obsa keessa jira.’Waraanii keessa dabarrelleen waan hedduu nu barsiise.

“Namii kubbaa miilaa qofaan nu hin beeku asi achi gaafa bilisummaa teennaa qofaa mitii waan egeri nu addunyaa keessatti hojjachaa yaanuun nu beekan jedha,” Dejan.

Isaayyuu EPL keessa Ingilsiih Premier League bitatte. Mindaan isaa bara 2017 keessaa Paawondi UK miliyoona 5.2.

Miila eennutti kophee warqii itti kaahan re?

Waancaa kubbaa miilaa addunyaa tana irratti nama goolii hedudu galche kophee warqii kaan ammoo kubbaa warqii badhaasan. Haga ammaatti namicha Ingilaandi Haari Kanetti gooli 6 galchee dura jira. Namii akka Ronaaldoo faatii goolii 4n jala jiran.

Adoolessa 15,2018 saatii Waashinton DC 11am irratti Mooskoo istaadiyoomii Luzhniki keessatti waan bara hedduu waliin eegachaa bahe walti gadi lakkisa. Isanii Itoophiyaa jirtaniif ammoo galgala saatii 12ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG