Hoggantoonni Eertiraa Isaayyaas Afwerkiifi kan Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad tumsa ittisaa, nageenyaa, dippilomaasii fi siyaasaa mallatteessinee jirra jedhan. Walii galteen kun kan raawwatame daawwannaa pirezidaantiin haaraan Somaaliyaa guyyoota afuriif Asmaraatti taasisaniin booda.
Hoggantoonni lamaan yaadannoo waliigaltee qabxii torba qabu Kibxata darbe ba’een, nagaa, tasgabbii, fi nageenya eeguuf tumsa ittisaa fi nageenyaa guddisuuf waliigallee jirra jedhan.
Akkasumas tumsa dippilomaasii fi siyaasaa cimsuu, dantaa biyya isaanii eeguu fi tarkaanfachiisuuf, hariiroo ummattoota isaanii lamaan akka dagaagsuuf walii galaniiru jedhan. Hoggantoonni kun lamaan, yaadannoo isaan mallatteessanis seenaa, walitti dhufeenya obbolummaa, dantaa waloo isaan waliin qaban irratti kan hundaa’e yoo ta’u, qabsoon farra-shororkeessummaa Somaaliyaa keessatti milkaa’inaan gaggeeffamu “Somaaliyaa keessatti qofa osoo hin taane, gaanfa Afriikaafis haal-duree nagaa fi tasgabbii ta’uu dhaan beekamtii kennuu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Eertiraan humnoota Somaaliyaa kumaatamaan lakkaawaman leenjisuu erga jalqabdee gara waggaa sadii ta'eera. Loltoonni irra caalaan isaanii humna galaanaa dabalatee leenjii idilee fi addaa akkasumas makaanaayizeeshinii fudhataniiru. VOA tajaajilli afaan Somaalee akka gabaasetti, lakkoofsi loltoota Somaalee Ertiraa keessatti leenjifaman 5,167 ta’uu isaaf, boodarra pirezidaantiin Somaaliyaa duraanii Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo loltoota kana gara Ertiraatti ergamuu isaanii mirkaneessaniiru. Murni jalqabaa loltoota Somaalee Hagayya 19, 2019 Moqdishoo irraa gara Ertiraa balali'an.
Murni lammaffaa fi sadaffaan immoo baatii Fulbaanaa fi Waxabajjii bara 2020 keessa gamasitti ergaman.