Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjiramnii Qilleensaa Itiyoophiyaa Keessatti Dhukkuboota Daran Hammeessuuf Jira


Sababaa El-Ninoo mudateen caamnii uumame haala roobaa jeequun laftii cite akka garagaluu gochuun akkasumas wabii nyaataa dhabsisee hiyyuuma kan hammeessu ta’uu gabaasni Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa baase hubachisee jira.

Jaarmayaan kun biyyoota 15 irratti fulleeffachuun gabaasa baase keessaa Itiyoophiyaan tokko taatee jirti. Caama hamaa booda Roobni hamaan mudatu lageen keessumaa lageen lafa gad jedhaa irra jiran gutanii akka cabsanii ba’an gochuun, sababa ho’i hammaachuun kan ka’e namni hojii hojjachuu waan dadhabuuf jireenya hawaasaaa irratti dhiibbaa akka qabaatu ibsamee jira. Kana waliin wal qabatee dhukkuboonni ammaan dura Itiyoophiyaa keessatti hin beekamne mul’ataa akka jiran ibsameera.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:36 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG