Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan El NINO Rakkoo midhaan nyaataa biyyootii Afriikaa Uffee Sahaaraa gadii hammeesse.


El Ninon balaa lolaaf sababaa dha
El Ninon balaa lolaaf sababaa dha

Waldaan fannoo dhiimaa uummata Gambia, Mauritania, Malawi, Namaibia, Senegal fi Zimbabwe keessa jiruuf gargaarsa hatattamaaf kan oolu doolaara miliyoona 8 gaafatee jira. Gargaarsi kun uummata balaaf saaxilaman miliyoona hedduu keessaa kanneen akkaan miidhamaniif oola.

Afriikaan hanqina midhaan nyaataan kan miidhamte ennaa ta’u yeroo hedduu balaa lolaa fi hongee oomisha mancaasuun dararamiti, kunis uummanni miliyoonaan laka’amu lubbuu ooluuf gargaarsa midhaan nyaataa irratti akka hirkatu dirqisiise. Waldaan fannoo diimaa akka jedhetti jijjiirama qilleensaan kan dhufu Elninon waggaa dhufu cimaa ennaa adeemutti haalli jiru daran hamaa ta’uuf jira.

El Ninon balaa kan akka lolaa Afriikaa waaltaa keessatti kan hammeessu ennaa ta’u biyyootii kibba Afriikaa haga tokkoo fi naannoo Sahel keessatti immoo hongee dhaqqabsiisuu mala.

Dubbi himaan Federeeshinii fannoo diimaa Benoit Capetier VOAf akka ibsanitti uummatichi balaa jijjiiramni qilleensaa fide irraa dandammachuuf yeroon qaban xiqqoo waan ta’eef hanqina nyaataa isaan mudatu dura dhaabachuun rakkisaa itti ta’a jedhan.

Dhaabi isaaniis kan inni fuuleffatu hawaasaaleen qonnaa xixiqqoo irratti akka bobba’an, sanyii midhaanii raabsuu, projektii galii isaanii ol kaasu irratti. Yoo kana goone jijjiirama qilleensaa itti dabalaa dhufu dura dhaabachuu danda’u jedhan.

Hanqinni nyaata madaalawaa Afriikaa keessaa ol ka’aa ta’uu fannoo diimaan akeekkachiisee, hanqinni akkasii immoo lubbuu ijoollee, namoota viresii HIV waliin jirataniif kanneen biroo qaamni isaanii dadhabaa ta’eef sodaachisaa dha. Carpentier akka jedhanitti beelli maatiiwwan hedduun ijoollee isaanii mana barnootaa keessaa deebisanii hojiitti akka bobbaasan dirqisiisee, dubartoonni immoo nyaata barbaachaaf quunnamtii saalaaf dabarsanii of kennu kukn immoo balaa HIVf isaan saaxila jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG