Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Zimbaabwee Fuula Duratti Tarkaanfachuu Qabu: Mnangagwa


Kan haaraa filataman prezidaantiin Zimbaabwee har’a sirna hirbuu seenuu geggeessuu dhaan filannoo dimokraatawaan waggaa dhufuu akka karoorfametti kan geggeeffamu ta’uu waadaa seenan.

Emmerson Minaan-gaagwaa prezidaantii Zimbaabwee haaraa ta’uu dhaan har’a hirbuu seenuun sirna abbaa irraa Roobert Mugaabee waggoota 37 xumuraan ga’ee jira.

Minaangaagwaan Mugaabeen abbaa biyya keenyaati jechuu dhaan prezidaantichi duraanii dogoggora hoogganaa qabaachuu isaanii garuu amananii jiran.

Hoogganaa haaraan kun uummata Staadiumii Haraaree keessatti wal ga’eef haasaa dhageessisaniin hojiin amma harka keenya jiru biyya keenya guddittii deebisanii ijaaruu dha jedhan.

Minaangaagwaan qonnaan bultoota kanneen bulchiinsa Mugaabee jalatti lafa isaanii dhabaniif hirpha baasuuf cichaan kan hojjetan ta’uu dubbatan.

Qeeqxonni Mugaabee akka jedhanitti sagantaan jijjiirama lafaa falmisiisaan biyyattii kan qonnaan bultoota warra adii muuxannoo qaban dachii isaanii harkaa fudhate biyya yeroo tokko biyyoota Afriikaa gama kibbaaf nyaata dhiyeessitu beelaaf saaxile jedhan.

Hirbuu seenuun Minaangaagwaa jijjiirama addaa ti. Jalqaba baatii kanaa Sadaasa shan irratti haadha warraa Mugaabee Grace waliin falmii jiru irraan kan ka’e taayitaa itti aanaa prezidaantummaa irraa kaafaman.

Prezidaantiin duraanii Mugaabee fi haati warraa isaanii akka hin himatamne dhiifamni godhameefii jira.

Ministriin dhimma alaa US Rex Tillerson hoogganoonni Zimbaabwee haarawaan biyyattiin filannoo walabaa fi haqaa akka g3ggeeffattu gaafataniiru. Uummati zimbaabwee hoogganoota ofii isaanii filachuu qabu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG