Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraam baqattoonni martinuu kanneen dhimmi isaanii raggaasiame dabalatee gara Ameerikaa akka hin seenne erga murteessanii booda Kamisa har’aa Tokkummaan mootummootaa baqattoota qubsiisuun lubbuu oolchuu dha jedhee jira.
Aangoo qabatanii sa’aatilee hanga tokko booda ajaja sadarkaa ol aanaa Wixata darbe mallatteessaniin, Tiraamp akka jedhanitti Amajjii 27 qabee baqattoota as seenuun dhaabateera.
Ministriin dhimma alaa booda irra gareelee baqatoota haaraa as dhufaniif e-meelii ergeen, imalli baqattootaa gara Yunaayitid Isteetsitti ta’uuf beellamame martinuu haqameera jedhe.
UNHCR yeroo ammaa ajaja sadarkaa ol aanaa dhimma kana ilaalchisee jiru xiinxalaa jiraachuu beeksise.
Baqattoota deebisanii qubsisuun kanneen jireenyi isaanii balaa keessa jiru, hookkaraa fi dararaa jalaa kanneen dandammatan, dubartootaa fi ijoollee akkasumas namoota dhunfaa kanneen ittisi seeraa fi qaamaa isaan barbaachisuuf tarkaanfii lubbuu oolchuu ti jechuu dhaan AFPf e-meelii ergeen beeksiseera.
Jaarmyaan baqattootaa itti dabaluu dhaan bulchiinsa haaraa waliin rakkoo baqattoota nageenya barbaadaniif furmaata fiduuf bulchiinsa haaraa waliin hojjechuu itti fufna jedhee jira.
Tiraamp duula filannoo geggeessaa turan mara irratti koolu galtoota seeraan alaa kanneen waraqaa eeyamaa hin qabne irratti tarkaanfii fudhachuuf waadaa seenanii turan.
Garuu tarkaanfiin baqattootaaf dadhata kennuu kun, namoota waraana, ari’atama ykn balaa biyya ofii keessaa baqataniif daandii seera qabeessa.
Ergaa Ministeerri Dhimma Alaa Dhaabba godaantotaa sadarkaa addunyaaf ergeen, baqattoota gara wiirtuuwwan ce’umsaatti akka hin dabarsine gaafachuu dhaan, imalli isaanii martinuu addaan cituu isaa ibseera.
Baqattoonni dursanii Yunaayitid Isteeyis keessa qubatan akka karoorfametti tajaajila argachuu itti fufu jedheera.
Akkasumas, dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa baqattoota simachuu irratti fidee ilaalchisee murtii hogganaan isaa dura turan Joo Baayiden dabarsan illee haqaniiru.
Baayiden sagantaa baqattootaa akka mala seeraatiin namoota rakkatan deeggaruutti fudhatanii turan.
Bara baajataa 2024tti baqattoonni kuma 100,000 ol ta’an Yunaayitid Isteetis keessa kan qubatan yoo ta’u, kunis waggoota kurna sadii keessatti isa hedduu ta’e dha.
Forum