Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertiraan Sochii Farra-Maallaqa Seera-ala Daddabarsuu fi Farra Shororkeessummaa Gootu Yunaayitid Isteetis Ka Deggertu Tahuu Beeksiste


Tibor NAgy
Tibor NAgy

Afrikaa Bahaa fi Kibbaa keessatti maallaqni seeraa ala daddabarsamuu dhorkuuf gurmuu dhaabbate keessatti Ertiraan sadarkaa taajjabdummaatti fudhatamuu Yunaayitid Isteetis simattee jirti. ESA-AMLG gurmuu jedhamu keessatti Ertiraan akka taajjabduutti fudhatamuun, gara miseensummaatti fudhatamuuf, tarkaanfii sadarkaa duraa akka tahe tu dubbatama.

Kun, akka Ertiraan seerawwan, imammatootaa fi qajeelfamoota ishee daran haaressituu fi fooyyeffattu ka carraa kennuuf tahuun himamee jira.

Jilli Ministara Maallaqaa Yunaayitid Isteetis, Waxabajjii 5 fi 6 bara 2019, eega Ertiraa daawwatee booda, waa’ee deddeebisuu maallaqa seeraa alaa ittisuu irratti hariiroon Ertiraa waliin fooyya’uu isaa fi Ertiraan seerawwanii fi imammatoota ishee fooyyessuuf tarkaanfiilee fudhattte, Yunaayitid Isteetis simattee jirti.

Kanumaan wal-qabatee, dhimma Afrikaatti Gargaaraan Ministira Dhimma Alaa Yunaayited Isteetis – Tiiboor Naaj, Ertiraan hojii farra maallaqa seeraa-alaa daddabarsuu fi farra shororkeessummaa hojjettuuf fi carraaqqii baankii sadarkaa addunyaa gad-dhaabuuf gootu, biyyi isaanii ka deggertuy tahuu beeksisanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG