Amnesty Internatioalitti dhimma Ethiopia fi Ertraa kan hordofan Claire Beston filannoo Itiyoopiyaa kan caamsaa darbee ilaalchisuun gabaasa dhiyeessan ilaalchisuun akkas jedhan.
Ihadeg filannoo caamsaa waggaa darbee kan injifate dodaachisuu dhaan mirga walabummaan wal ga’uu fi waldaa dhaan of ijaaruu ugguruu dhaan, mirga dhala namaa fi sochii presii walabaa ukkaamsuu akkasumas madda galii biyyattii fi gargaarsa alaa argamuuf carraa hojii akka meeshaa to’annaa uummataatti itti gargaaramuun ture.
Amnesty International gabaasa baaseen mootummaan Itiyoopiyaa sochii presii walabaa ukkaamsa jedhee jira.
Seerri presii cimaa ta’es kan nama dararuu fi adaba maallaqaa guddaa kan dhaqqabsiisu ta’uun isaa gaazexeessota irratti rakkoo guddaa uumee jira. Mootummaan kanneen marsaa interneetiitti fayyadaman to’achuun isaas Amnesty Internationaliin yaaddessee jira.
Gaazexeessonni dhiittaa mirga namaa naannoo Somalee keessaas gabaasuu hin danda’an. Sababiin isaas gamas akka hin seenne waan dhorkamaniifi.