Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraa Irra Uggurri Akka Kaa’amu Mootummoonni Gaanfa Afriikaa Gaafatan


Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Meles Zenawi fi preisdentiin Somalia sheek Sherif Sheek Ahmed angawoonni Jibuutii kan kibba sudan Kenyaa fi ugandas marii sana irratti argamaniiru. Golli naga eegumsaa marii isaa NY keessatti geggesseen dhimma naga eegumsa Afiikaa keessumaa kan gaanfa Afriikaa ilaalchisee rakkoolee dhiyaatan xiinxalee jira.

Akeeki wal ga’ichaas Ertraa irratti uggura itti dabalaa kaa’uu dha. Kana dura tokkummaan mootummootaa Erteraa irra uggura meeshaa waraanaa fi angawoota ishee irra immoo uggura imalaa fi deddeebii maallaqaa kaa’uun isaa ni yaadatama.

Uggurri kun maaliif barbaachise yoo ibsan Nuti biyyoonni naannoo rakkoo imaammata bulchiinsa Ertraa keessaa dubbachuuf walitti hin qabamne jedhan. Sana irratti ejjennoo ofii keenyaa qabna. Itti gammaduus jibbuus ni dandeenya. Dhimma kana gola naga eegumsaa duratti dhiyaannee ibsuu nu hin barbaachisu ture.

Mootummaan Ertraa garuu biyyoota naannoo jiran tasgabbii dhorkuu dhaan goolaa jira jedhan. President Isayas Afeworkii haasaa akka dhageessisaniif yeroo kennuufii dhaaf yeroon itti dabalaa gaafatamus golli naga eegumsaa fudhatama dhabsiise.

Ministeerri odeeffannoo Ertraa obbo Ali Abdu akka jedhanitti president Isayas wal ga’ii sana hirmaachuu ni barbaadu garuu US seenuuf yeroo dhaan Visa hin aganne. Angawoonni US akka jedhanitti garuu visan kan eeyamameef Ertraan gaafattee sa’aatilee xiqqoo keessatti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG