Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Ganna 31n Duuba Dorgommii Waancaa Afrikaatii Dabarte


Itoophiyaan addunyaa irratti biyya fiigichaan beekamtu ta atileetii isii warqii moohachuun dura jiran.Gara kubbaa miilaa kanaan ammoo duubuma tiratti.Akka gabaasa FIFA,Federeshiinii Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa bara 2001 keessaa baasetti Itoophiyaan guddinna kubbaa miilaatiin 155 irra jirti.

Itoophiyaan ammaan tana waan ganna 31tti asitti argattee hin beenne biyya 16 Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa bara 2013 Afrikaa Kibbaatti taphataniif dabran keessaa tokkoo taate.Tana irratti namii Finfinnee fi naannoo isii tapha kanaTV caqasuu fi bahee daawwatu hedduutti bahee gammade.

Garee Itoophiyaa tana goolii Adaanee Girmaatii fi Suleyiddiin Seyid galchanitti waancaa Afrikaatiif dabarsee seenaa hojjachiise.Goolii Adaaneen galche,Geetaanee Kebbedeetti itti kenne,ka Saladdiin Sayid galche ammoo Asraati Magarsaatti itti kennee galchisiisee.

Namii Itoophiyaa qaraa guddoo kubbaa jaalataa,garee ufii irraa wa dhabullee dorgommiin English Premier League jalaa hin dhaban.Akka Obboo Mokonnin Kuruu, Federeshiinii Kubbaa Miilaa keessaa jedhetti tun akka diqqaatti asi gahuu baattullee ammallee hujii guddootti nama eegataa ijoollee jalaa oli itti guddisuu wayya.

“Hundii keennaa gammanneerraa daandi irrattillee kanumatti mullatee…hundii gammachuu itti dhagahame mullisee…waan waggaa 31 keessatti argame.”
Taatullee akka obboo Mokonninitti akka qophiitti garee tanaatti yoo ilaalan moohannaan tun waan guddoo ajaahibsiisaatii miti.

“Akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 2004 jalqabanii qophii irra turan..akka carraa tahee Suudan irratti fixuuf yaannee fixuu hin dandeennee..kaleessa ammoo dirree keenna irratti moohannee…woma taheefuu waggaa 31 keessatti moohachuunuu seenaa tokko.”

Garee Itoophiyaa tanaaf nama akka Sheek Alamuddiin ka qarashii miliyoona 5 kennuuf waadaa galu dabalee namaa fi dhaabbilee hedduutti jara kana badhaasuuf waadaa gale.

Tana malee akka obbo Mokonninitti Itoophiyaan ijoollee jala kubbaa miilaatti oli guddisuuf hujiitti jirti.

Qophii Ispoortii
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:12 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG