Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaatti Nama Miliyoona 10.2 Ariitiin Gargaarsa Eegata


Bona Itiyoophiyaa
Bona Itiyoophiyaa

Jijjiirama qilleensaa EL NINO faana dhufee fi bokkaan baranaa saatii eegatanitti hin robin nama hedduu beelesse.

Akka mootummaan jedhetti namii ariitiin gargaarsa eegatu miliyoona 8 fi kuma 200 ture amma dabalee miliyona 10 fi kuma 200 tahe.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:02 0:00
Xurree marsariitii

Akka itti gaafatamaa Koree Ittisa Balaatii fi Qophaahinaa,Mitikkuu Kaasaa kora rakkoo tana irratti dubbachuuf Finfinenetti taa’e irratti jedhetti baranaa aanaalee 430 rakkinna gugurdaa sadii keessa buuse.

“Warrii gargaarsaa abdannu guddoollee nu gargaaruutti hin jiru.Jarii nu eegannuu kun ufiifuu rakkoo Jiddu-Gala Bahaatti harkaa isaan qaba.Horiin warriin waadaa nuu gale doolara miliyoona 163 qofa.Silaa horiin nu nama miliyona 8 fi kuma 200 qofaa gaafanne doolara miliyoona 596 fi kuma 400.”

Ji’a 12 dhufaatti gargaarsa nama miliyoona 10.2 gaafatan akka jecha obboo Mitikkuutti qarshi Itoophiyaa biliyoona 20 oli. Tokkummaan Mootummootaa Itoophiyaa nama miliyoona 15 ariitiin gargaarsa eegataa jedhe.Taatullee akka obboo Mitikkuun jedhutti Tokkummaan Mootummootaa waan gara garaa ilaalee mala muree namii gargaarsa eegatu hagasillee gahuu dhabuu dandaha.

Woma taateefuu nama miliyoona 10 fi kuma 200 Itoophiyaatti ariitiin gargaarsa eegata jedhan keessaa akka gabaasa Save The Children jedhutti miliyoonii jaha ijoollee.

Save The Children Itoophiyaan bona akka baranaa ganna 50 keessatti argitee hin beettu jedha.Itoophiyaan ammallee warra isii gargaaruuf waadaa gale irraa waan hedduu eegachuutt jirti

XS
SM
MD
LG