Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walabummaan Amantii Musliimota Itiyoopiyaa Kabajamuufii Qaba


Komiishinni walabummaa Amantii US kan sadarkaa addunyaa Itiyoopiyaa keessa hordoftoota amantii Musliimaaf walabummaan waaqeffannaa irraa mulqamaa dhufuun isaa na yaaddesse jechuun ibsa baasee jira. Angawoonni Ameerikaa Itiyoopiyaan walabummaa amantii akka kabajju miseensota bulchiinsa biyyattii haaraa akka gaafatanis ibsee jira. Waajjirri ministrii haajaa alaa Amerikaaf dubbi himaa kan ta’an ibsanii

Komiishinni walabummaa amantii USCIRF jedhamu kun baatii Adoolessa bara 2004 qabee mootummaan Itiyoopiyaan damee amantii Islaamaa hawaasi muliimaa biyyattii hordofu geeddaruuf yaalaa jira, tarkaanfii kana kanneen morman hoogganoota amantichaa fi hayyootas adabeera jedha ibsi sun.

Mootumaan Itiyoopiyaa Onkoloolessa 18 mormitoota 29 yakka shorkeessummaa fi biyyattii kana Islaamummatti geeddaruuf yaalan jechuun himate. Yakkawwan kun mootummaan Itiyoopiyaan damee amantii Islaamummaa ofiif fedhu dirqiitti hojii irra oolchuuf yaalii godhu kanneen morman ukkaamsuuf jedha ibsi sun.

Kanneen himatamanis uummata kumaan laka’amaniif imaammata mootummaa kana kanneen mormani. komiishinni amantii US kan sadarkaa addunyaas durumaa qabanii damee amantii Suufii jedhamu kanneen hordofan musliimota Itiyoopiyaa “Al Habaash” ka jedhu akka hordofan dirqisiisuu dhaan walabummaan hojjetaa kan ture filannoo mana marii dhimmootii islaamummaa itiyoopiyaa hojii isaa fiixaan baasuuf itti garaarame jechuun himata.

Angawonni Itiyoopiyaa seera walabummaa amantii kan sadarkaa addunyaa kan kabaju heera biyyatti akka kabajan angawoonni US bulchiinsa biyyattii haaraaf akka ibsan ibsi komishinichaa gaafatee jira.

Dubbi himtuun ministrii haajaa alaa US victoria Nuland ibsa kaleessa kennan irratti akkuma beekamu haala mirga namaa Itiyoopiyaan keessaa ilaalchisuu dhaan mul’inatti angawoota mootummaa Itiyoopiyaa waliin dubbataa turre. Mnistrittiin dantaa alaa Ameerikaas wayita Itiyoopiyaa daawwatanitti dhimma kana mul’inatti cimsanii dubbatanii turan. bulchiinsa isa haaraa jalatte Itiyoopiyaan qabiyyee mirga namaa ishee gara sadarkaa addunyaatti ni fooyyessiti jennee amanna jedhan.

Dura teessuun komiishina amantii sadarkaa addunyaa US Katriinaa leenoowit Itiyoopiyaan gaanfa afiirkaa keessaa bakka tarsiimo qabeettii waan taateef uumati ishees sadii irraa harki tokko musliima waant a’aniif muootummaan dhiittaa walamubbaa amantii dhaabuu qaba jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG