Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faalama Qilleensaa Dhabamsisuuf Gamtaan Awuroopaa Hojjataa Jira


Gamtaan Awuuroopaa aara Gaaza gubataa ka qilleensa faaluu biyyoota miseensoota isaa ta’an 27 keessatti hanga bara 2030tti 100 irraa harka 55 hanqisuuf walii galteen kan yeroo irra ga’amuu har’a labsee jira.

Kaayyoon waggaa 9f qabamee kun isa gamtaan Awuroopaa bara 2050tti guutuummaatti qilleensa faalama irraa walaba ta’e argamsisuuf karoora baafatee tureef inni ammaa kun qaama tokko ta’uun ibsamee jira.

Preezidaantii Komiishiina Awuuroopaa kan ta’an Ursulaa Leeyeen akka jedhanti waliigalteen kun gamtaan Awuuroopaa ta’an dhaloota boriif qilleensa faalama irraa walaba ta’e akka argatuu gochuuf gargaara.Kun waadaa ijoollee keenyaa fi ijoollee ijoollee keenyaaf seenne jedhan,Walii galtee kana biyyonni miseensa gamtaa Awuuroopaa eega raggaasisanii booda hojii irra oola.

Walgahiin sadarkaa addunyaatti waa’ee jijjirama qilleensaa ittisuu irratti gama marsariitiin mari’atuu fi prezidaant Joo Baaydiin keessumeessan ituu hin jalqabamiin guyyaa lama dursee walii galteen kun tolfamuun dhaga’ame.

Yaadawwan Ilaali (2)

XS
SM
MD
LG