Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmii duula Filannoo: Imaammata Lafaa fi Misooma Qonnaa


ADWUI bakka bu’anii waa’ee qonnaa fi imaammata lafaa falmii ka dhiyessan Obbo Teferraa Derribew "lafti harka mootummaa fi uummataa jira," jedhan. Gamtaa MEDREK bakka bu'uun kanneen falman keessaa obbo Derejjee Garbaa immoo "akka heera mootummaa Itiyoophiyaatti lafti kan mootummaa fi kan uummataa ti jdhamus qabatamaan garuu, yeroo ammaa lafti harka angawoota ADWUI jira," jedhan.

Duula filannoo Itiyoophiyaa keessatti geggeessanaa jiru irratti dhimmoota falmiin jabaan irratti ka’e keessaa tokko waa’ee misooma qonnaa fi imaammata lafaa ti.

Falmii jarmayaa Radiyoo fi Televiziyoona Itiyoophiyaa irrati gaggeefameen ADWUI bakka bu’anii waa’ee qonnaa fi imaammata lafaa falmii ka dhiyessan Obbo Teferraa Derribew ti. “Bu’aa misooma qonnaa irra argamee keessumaa kan qonnaan bulaa sadarkaa gadii irra jiru irratti hunda’ee wabii nyaataa qabnu gama mirkanessun bu’a qabatamaa argamsisnee jira” jedhu.

Bara bulchiinsa ADWUI diriirfamee hojii irra olaa kan jiru imaamanni keenya biyya keenyaa keessatti hanqina nyaataa sababaa caamaan uumamuun lammiin biyyattii tokko illee akka sadarkaa du’aa irra hin geenye haala dandeesisu uumee jira jedhan. Guddinni misoomaa kan akkasii jira taanaan yeroo ammaa namoonni gargaarsa barbaadan ni jiru, maaliif jedhma? gaaffii jedhuuf, “tokkofaa, jireenyi tikfattootaa tasgabii kan qabu gochuuf yeroo gaafata, lammafaan immo lafti bara dheeraaf qotamaa turee duwwaatti hafe deebi’ee akka bayyanatu gochuufis akkasuma yeroo fi mallaqa guddaa gaafata,” jechuun deebisan. Iddoo akkasiitti gargaarsaan deggeruun barbaachisaa tahuun isaa hubatamee akka irratti hojjetamaa jiru illee eeran. “Abboota-qabeenyaa hojii misoomaaf lafa barbaadan maallaqa lafa ittiin bitatan akkasumas gara maqaa isaaniitti jijjirsisuuf baasii tokko malee kallattiin misomatti bobba’uun akka qooda gama isaanii gumaachan gochuuf yaalamaa jira” jedhan, Obbo
Teferraa Derbew ADWUI irraa.

Gamtaa MEDREK bakka-bu’uun kanneen falman keessaa Obbo Derejjee Garbaa gama kaaniiin, “ akka heera mootummaa Itiyoophiyaatti ‘lafti kan mootummaa fi kan uummataa ti’ jehamus qabatamaan garuu, yeroo ammaa Lafti harka Angawoota ADWUI jira.” jedhan.

Kanaafis qabeenya lafaa irra kan ka’e sadarkaan jireenya lammiwwaan Itophiyaa shanitti qodamuu isaa, walumaa- galatti gurgurtaan lafaa aangawootaaf madda badhaadhummaa akka tahee jiru dubbatu. “Lafti haa bitamu, haa gurguramu” yaada jedhu kan morman Obbo Darajjeen, Qonnaan bulaan sanyii, xaa’oo fi sangaa ittiin qotatu dhabee lafa isaa gurguruuf akka hin dirqamne haala itti liqaa horii argatee fayyadamee, booda mallaqa liqeffate deebisuu danda’au miijessuun barbaachisaa tahuu ibsan.

Yeroo ammaa Itiyophiyaa keessatti lafti lammiwwaan biyyatti ala jiraatan ittiin gowwomsuuf, Mootummaan akka Amolee soogiddaatti kan itti gargaaramu ta’uu kan ibsan Obbo Darajjeen, “sababaa kanaan, Qonnaan bulaan qe’ee isaa gadhisee akka godaanu waan taasifamuuf, belli beekaamaanii fi hin beekamne biyyatti keessatti hammaatee jira” jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG