Ministiroonni maallaqaa hedduun walgahii Garee biyyoota dinagdeen guddatan kan G20 Afrikaa Kibbaa keessatti Kibxata darbe geggeessame irraa kan hafan yoo ta’u, angawoonni olaanoo biroon ammoo walgahii dhimmoota ijoo haala qilleensaa, liqaa fi walqixxummaa dhabuu irratti waldhabdee uumameen imala gara wal ga’ichaa dhaquu irraa hafanii jiran jechuun Rooyiters gabaaseera.
Walgahii Chaayinaa, Raashiyaa, Gamtaa Awurooppaa fi Yunaayitid Isteetis of keessaa qabuuf yeroo hunda ibsa tokko irratti waliigaluun cimaa dha. Garuu garaagarummaan yeroo kamiyyuu caalaa cimaa waan ta'eef ministiroonni maallaqaa tokko tokko siyaasa biyya keessaatiin garmalee waan qabamaniif walgahii guyyoota lamaaf Keep Taawunitti gaggeeffamuu irratti hin argamne.
Biyyoota G20 keessaa kanneen dinagdeen isaanii guddaa ta’e, Yunaayitid Isteetis, Chaayiaa, Jaappaan, Hindii fi Kanadaan sirna kana irratti hin argamne. kunis isaan fi baankota giddugaleessaa walitti fiduun qormaata dinagdee addunyaa irratti mari’achuuf kan yaadamedha. Angawaa olaanaa diinagdee Gamtaa Awurooppaas akkasuma hin argaman hafan. Argamuu dhabuun isaanii kun ibsa tokko irratti kan duraanii walii galuuf carra xiqqaa qabu daran irratti walii galuuf rakkisaa taasiseera.
Itti dabalees kan wal ga’ii sana keessummeessan prezidaantiin Afriikaa Kibbaa Sirl Ramaafoosaa dhimmootii ijoo kan isaan jedhan irratti walii galuufis abdiin jiru xiqqoo dha.
Isaan keessaa hanqina maallaqa haala qilleensaa biyyoota dureeyyii irraa argamuu, sirna faayinaansii biyyoota hiyyeeyyii miidhu jijjiiruun barbaachisaa ta’uu fi wal-caalmaan guddachaa dhufe ka jedhu dha. Haasaa baniinsaa dhageessisaniin, “Sabatiinsi addunyaa dhabamuu fi haala muddamni hammaatee jiru yeroo kanatti miseensonni biyyoota dinagdeen guddatan kan G20 waliin hojjechuun yeroo kamiinuu caalaa barbaachisaa dha” jedhan.
Forum