Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmii Waa’ee Imaammata Barnootaa Oromiyaa fi Hojiirra Oolfama Isaa


“Imaammata barnootaa Oromiyaa keessaa ka filate uummata” jedhu, Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Geggeessaa hojii, Odeeffannoo fi Quunnamtii Uummataa ka tahan, Obbo Kaasahun Dagafuu. Ka duraan Oromiyaa keessatti barsiisaa fi aangawaa biiroo barnootaa turan, Obbo Abdurazaaq Kadiir garuu, “Oromiyaa keessatti uummata tu murteesse wanni jedhu fakkeessaa dha. Ol gubbaatti eega murtaawee booda, fakkeessaaf gad-geessama” jechuun falmu.

Haalli barnootaa Oromiyaa keessaa baay’ee wal-falmsiisaa ta’aa jira. Barattootaa fi warra barattootaa dabalatee namoota hedduu tu yaaddoo guddaa qabaachuu dubbatu. Duraan barsiisaa fi aangawaa biiroo barnootaa ka turan, Obbo Abdurazaaq Kadiir akka jedhanitti, imaammatni barnootaa Oromiyaa keessaa ka qorannaa irratti hundaa’e ta’uu dhabuunii fi aangawoota olii qofaan murteessamee ka gad ergamu ta’uun qulqullina barnootaa guddaa miidhee jira.

“Sagantaa ‘self-contained class’ jedhamuun barattoonni kutaa tokkoo haga afuriitti jiran barsiisaa tokkichaan gosa barnootaa mara akka baratan taasisamuun, barnoota Afaan Ingilizii irraa kan hafe akaakuun barnoota saayinsii fi hawaasummaa marti afaan Ingiliziin kennamuu ka jalqabu sagal irraa ta’uun, barsiisonni ramadaman kanneen ofii iyyuu dandeettii fi leenjii gahaa hin qabne ta’uun fi rakkooleen imaammata barnootaa ka biroon Oromiyaa keeessatti miidhaa hamaa fidhaa jira” jedhu Obbo Abdurazaaq.

Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Geggeessaan hojii, Odeeffannoo fi Quunnamtii Uummataa, Obbo Kaasahun Dagafuu garuu, “Imaammatni barnootaa fedhii uummataa irratti hundaawee diriirsama. Imammataa fi deemsa hojii barnootaa Oromiyaa keessaa irrattis yeroo dhaa yerootti qorannaan geggeessama. Kutaa tokkoo haga afuriitti barsiisaan tokkichi barsiisuun miidhaa fide hin qabu.

Akaakuu barnootaa saayinsii fi hawaasummaa Afaan Ingiliziin kennuun kutaa sagal irraa eegaluun isaa dandeettii barattootni afaan Ingiliziin barreessuu fi dubbisuuf qaban xiqqeesse ka jedhamus naaf hin fudhatamu. Tokkoffaa, kan nuti barattoota leenjisnu Oromiyaa keessaaf malee biyyoota alaaf miti, kanaaf barnoota Afaan Inzilizii addatti waan ilaalluuf hin qabnu. Dandeettii barnootaa cimsuuf immoo leenjii hedduu geggeessaa jirra” jedhu.

Kanneenii fi dhimmoota barnootaa ka biroo irratti wal-falmii kutaa shan qabu Obbo Kaasahun Dagafuu fi Obbo Abdurazaaq Kadiir gidduutti geggeessame. Wal-falmii kutaa arfanuu fuula kana irraa MP3 tuqaa tii duraa-duubaan dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG