Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmitootii mirga ilmaan namaa Keenyaa saddeeti ammallee Ugaandaatti hidhaan jiran.


Warra hidhaa jiru keessaa tokko Al Amiin Kimaathiiti,nama dhaaba daba ilmaan namaa irratti hojjatmu diduun beekamu.Amiinii fi namii Keenyaa hedduun bombii bara 2010 keessa nama hoteelii Ugaandaatti tapha kubbaa miilaa daawwachuutti jiru keessatti tokkaateef qabame.

Al Amiin ammo jara kana gaafachuu dhaqee jennaan ufiifuu hidhame.Eegii hidhamee amma ji’a saddeeti keessa jira.Paarlaamaan Keenyaa mootummaan isaanii duruu waan seeraan alaa,nama isaa qabee Ugaandaatti kennee jedhee kalee wal falmaa bahee akka mootummaan isaanii warra hidhame kana barbaadu gaafate.Akka miseensa mana marii Keneyaa Maartaa Karuhaatti,mootummaan Ugaandaa seera Kimaatiin hidhuuyyuu hin qabu.

“Haga hardhaallee waan balleessaan nama maan akka taate seeraauun himachuu jalqa hin qabne.Mootummaan Ugaandaa tana irratti ragaa dhabuun mirkana.”

Milishootii Al-Shabaab nama ganna dabre keessa hoteela Ugaandaatti kubbaa miilaa daawwachuutti jirutti bombii gadi dhiisuu isaanii qaata himatan.Taatullee Kimaatiin,warra balleessaa tanaan himatame keessaa tokko.

Akka Amiin qabanii harka Ugaandaatti kennuun seera malee ammo,ministerii haqaa Keenyaa Mutula Kiloonzoo dabalee nama hedduutti falme.Akkuma taateefuu Kimaatiin walumattuu balleessaa 92tiin himatame nama Keenyaa hedduu waliin hidhaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG