Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmituun Mirga Dubartootaa Sudaan Badhaafamte  


Qabsooftuun mirga dubartiitaa Sudaan, Amiiraa Osmaan Hamed mana hidhaatii erga baatee booda, Kaartum, Guraandhala 9, 2022.
Qabsooftuun mirga dubartiitaa Sudaan, Amiiraa Osmaan Hamed mana hidhaatii erga baatee booda, Kaartum, Guraandhala 9, 2022.

Qabsooftuun mirga dubartiitaa Sudaan, Amiiraa Osmaan Hamed, badhaasa dhaabbata “Front Line Defenders” jedhamuu, kan Falmitoota Mirga Namoomaa haala bala’amaa keessa jiranii badhaafamtee jirti.

Ogummaam injiinara kan taate, qabsooftuun mirga namoomaa umuriin afurtamoota keessaa kun, waggoota kurna lamaa lamaaf mirga dubartoota Sudaaniif ka falmaa turte yoo tahu, bara kana, fonqolchi mootummaa ka maayyii kanaa Sudaan keessatti geggeessamuutti aanees hidhamtee turte.

Badhaasa “Human Rights Defenders at Risk” jedhamu ka bara 2022 kana falmitoota mirga namoomaa biyyoota biroo – kan Afgaanistaan, kan Belaaruush, kan Zimbaabuwee fi kan Meksiikoos fudhatanii jiran.

Dhaabbatichi “Front Line Defenders” jedhany, magaalaa Dubliin keessatti sirna badhaasicha geggeesse irratti “Osmaan, ergama ishee irraa hin mittiqne. Itti-fufinsaan, dimookiraasii, mirga namoomaa fi mirga dubartootaaf falmite” jechuun labse, yeroo badhaasicha kenneef.

Fiddoo yokaan surree uffachuu isheetiif bara 2002 kan himatamte turte Amiiraa Osmaan Hamed, bara 2013 immoo hijaaba uffachuu diduu isheetiif hidhamtee akka reebamtullee doorsisamtee turte. Yeroo sanatti deggersa falmitiita mirga namoomaa argattee turte.

Bara 2009 ammoo dhaabbata "No to Women Oppression" jedhamu, kan seeraa hacuuccaa mirgaa sudaan keessa turee fi bara 2019, yeroo Omar Hasan Al-bashiir taayitaa irraa fonqolchame haqame – kan “Public Order Law” jedhamu momuun qabsaa’u hundeessite. Prezidaant Bashiiriin taayitaa irraa buusuuf mormiiwwan geggeessama keessatti dubartoonni hirmaattota adda duraa turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG