Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fannoo Diimaan Lammiiwwan Libyaa Gargaarsa Argachuu Qabu Jedha


Fannoo Diimaan Lammiiwwan Libyaa Gargaarsa Argachuu Qabu Jedha

Presidaantiin waldaa fannoo diimaa addunyaa Jakob Kellenberger Libiyaan gara wal waraansaatti seentee jirti jedhan.

Kellenberger akka dubbatanitti waraanaa hammaachaa deemeen lakkoofsi namoota du'anii dabalaa deemutti jira. Namoonni kuma lama madaa'u isaanille gabaasamuu dubbatan. Lakkoofsi kuni garu hin mirkanoofne.

Namoonni baay’een Libiyaa lixaatti argaman kan gara bahaa keessa jiraatan caala akka waraana kanaan hubaman amanu presidaantiin waldaa fannoo diimaa kun.

Kellenberger itti dabaluun akka dubbatanitti naannoo mootummaa Libiyaatiin to'atamu jaarmiyaan isaanii akka senuu hin dandeenye ibsan. Kanaaf gargaarsi namoomaa barbaachisu hagam akka ta'e beekuun hin danda'amne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG