Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faransaay duula korommii kubbaa miilaa bara 2018 mootee gammachuti jirti, Harii Kane fi Luka Modric kophee warqii fi kubbaa warqii badhaasan


Faransaay barana 2018 fi bara 1998 waliin marroo lama waancaa kubbaa miilaa addunyaa moote
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:39 0:00

Faransaay baran 2018 fi bara 1998 waancaa kubbaa miilaa addunyaa moote

Waancaa kubbaa miilaa addunyaa baranaa FIFA 2018 biyyaa fi naannoo 200 caalaatti wal dorgomee biyya 32tti keessaa filatanii lamatti eegee walti aane; Faransaayii fi Kirooshiyaa.Faransaay Kirooshiyaa 4-2 mootee waancaa irraa fudhatte.Dorgommii marroo 62 taphatan tana irratti goolii 169tti gale.

Modric celebrates Goal
Modric celebrates Goal

Gareen dorgommi tana moote doolara miliyoona 40tti dhiyaatu mooti. Akkuna kanaan Harry Kane kophee goolii 6 Ingilaandii galchee kophee warqii badhaasan Luka Modric tapahtaan Kirooshiyaa ammoo kubbaa warqii badhaasan Kylan Imbaappeellee nama diqqeennaan waancaa kubbaa miilaa irratti goolii gachee badhaafame.

Harry Kane lors de son 2e but contre le Panama, le 24 juin 2018.
Harry Kane lors de son 2e but contre le Panama, le 24 juin 2018.

​Kirooshiyaan biyya diqqayyoo nama miliyoona 4 oli qabdu biyya hedduu ufi jalaa qaqaarisaa Faransaayiiin walti martee moohan.

Faransaay bara 1998 waliin ta baranaa waliin marroo lama waancaa kubbaa miilaa moote.Goolii Faransaay tana lama ijoollee biyya isaaniitii taphatan hidda Afrikaa qabanitti galcheef.

Gooliin qaraa daqiiqaa 18 irratti taphataa Kirooshiyaa Mariyoo Manduzkiitti dogongoraan mataan goolii ufitti galche.

Faransaay goolii lammeessoo ammoo adabbii argattee galfatte sadeessoo gurbaa dhalootaa Afirkaa maatiin isaa biyya Giinii, Paul Pogbaati galcheef.Akkii innii itti galchee fi humnitii innii galcheen waan afaan nama qabachiisaati.N

Poogbaan Manchester United taphataa akka bara 2016tti mindaan isaa paawondii miliyoona 15.6.Mario Mandukzii kubbaa namicha Faransaayii goolii eegu balbalauma goolii duratti irraa buufatee galfate.Ivaan Periskiitti galcheef.

Jabeennii garee Faransaay akka leenjisaan isaanii jedhutti ijoollee Afirkaa hedduu tapachiifachuu.

Gurbaan ganna 19 kun bara 1958 asitti nama ganna kanatti waancaa kubbaa miilaa iratti goolii galche
Gurbaan ganna 19 kun bara 1958 asitti nama ganna kanatti waancaa kubbaa miilaa iratti goolii galche

​Garee kubbaa miilaa Faransaay keessaa ijoolleen 14 namii akka Paul Pogba, Kilylian Imbaappee, fi Samuel Umtiti faattti jira.

Saamuel nama ganna 24 dhalootaan Kaameruun. Baarseloonaa fi Faransaayii taphata.

Kiliyaan Imbappeede gurbaa ganna 19ti eegii Peeleen dorgommii waancaa kubbaa miilaa bara 1958 irratti isa gannii 17 goolii galchee asitti Impeebeen nama jalqabaa ka ganna 19tti dorgommii kubbaa miilaa irratti goolii galche. Tanumaaf badhaafamellee.

Gurbaa kun Paris St. Germen, kialbii Faransaayiitii taphata.Mindaan isaa akka bara 2018ti Euro miliyoona 17.5. Imbaappeen ganna kana goolii afur Faransaayiif galche.

Badhaasa warqii dorgommii tana irratti kennaniif, qubee warqii gurraallee dhaaba ijoollee nama miidhame ispoortii hojjachiisaa jajjabeesanii fi hospitaalatti wallaananiin,Premiere De Corde jedhanii kenna.

Kirooshiyaan biyya diqqayyoo lola ganna 5tiin bara 1991 Yugosilaaviyaa irraa cittee baate.Faransaay jabeenna kubbaa miilaatiin beekan dhahuma dhooftee jilbiifachiiste.Tapha daqiiqaa 45 qaraa irratti kubbaa ufumatti qabaadhattee Faransaay buffisiifte.

Kalee moohanii waancaa dhabdee lammeessoo taatullee akkii isiin itti taphatte humaa fi dandeettii jarii kubbaa miilaatii qabu qalbii fi garaa dhaloota itti aanu keessaa waan baddu hin fakkaattu.

Imbaappee fi Modric

Namicha Kirooshiyaa taphatu Luka Modric ammo kubbaa warqii badhaasan.Imbaappeen ka Faransaayii taphatu ammoo nama ganna diqqaa ka ganna 19tti waancaa kubbaa miilaa irratti goolii galcheen badhaasan.

Modric lakkoofsa 10 keeyyatee Real Madriidiif taphata. Modriciin amma ganna 32 kun gaafa diqqaa baqataa kaambii baqaalleetti galee beeka.

Gurbaan Beljiyeemii goolii eegu Tibahut Koritous ammoo glove, waan harkatti keeyyataii goolii eegan warqi badhaafame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG