Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faransaay fi Chayinaan wali-galtee biyyoottan sadanii irratti mormii dhiheessan


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Walii galteen yunaayitid isteets, Biriteen fi Awustiraaliyaa taasisan biyya Faransaay fi Chaayinaa dallansuu keessa galcheera.

Biyyoottan sadan bidiruu galaanaa jalaa isaa umnaa nukuleerii baatuu ykn fee’u Austiraaliyaan ojjachuuf deemtu degeruudhaan ibsa waloo baasaniiru.

Awustraaliyaan tarkaanfii kana kan fudhaattee kanaan dura waligaltee dolaaraa Biiliyoona 43 faransaayii walin taasifte haquudhaan Yunaayitid isteets fi Biriteenii wajjin walgaaltee haara mallateesite.

Waligaaltee kana irratti kan yaada kenna Ministeerrii dhimma alaa Faransaay Jean Yves Le Driyaan Awustraaliyaa wajjin waligaltee wal Amantaa irratti hundaa’e uumanii akka turan ibsanii, amma garuu wal amantaan sun akka cabe yemuu ibsan dubbichii waraansa dugda duubeetii jedhaniiru.

Dubbi himtuun Waayit Haawus Jeen Pisaakii ibsa Faransaayi kana ilaachisanii deebii kennaniin, Faransaayii wajin dhimmoottan hedduu irrati waliin ojjachaa jirra jedhaniiru.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa chaayinaa Zhao Lijian kaleessa ibsa kennaniin taarkaanfiin biyyoottan sadanii tasgabiidhaaf nageenyaa naannoo kan tuffii keessa galcheedha jedhaaniru.

Waliigalteen biyyoottan sadan taasisan adeemsaa Chayiinaa gufachiisuudhaaf akka ta’e xiinxaltoonii kan dubbatan yemmuu ta’u, dubbi himmtuun waayit haawus waalii galteen biyyotan sadanii biyya kamiinuu addaan baasee qubaa itti hin qabne jechuun isaanii gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG