Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Faransaay Godaantota Dugdee Magaalaa Paaris Qubatan Achii Kaasaa Jiraachuun Ibsame


Godaantota dahoo keessa jiran, Kaaba Faransaay, Sadaasa 16, 2021.
Godaantota dahoo keessa jiran, Kaaba Faransaay, Sadaasa 16, 2021.

Poolisiin Paaris guyyaa Roobii kaleessaa namoota godaantoota ta’an kanneen maatii fi daa’imman xixiqqoo qaban dabalatee kanneen moraa galma magaalaa Paaris fuuladura jiraatan bakkaa buqqisteetti, Kunis magaalittiin tapha Oloompikii gaggeessuuf guyyaan 100 yommuu hafuttidha.

Poolisiin magaalittii yommuu dhufetti godaantoota baay’inni isaanii 50 ta’an kanneen roobaa fi qorraaf jecha da’annoo pilaastikootarraa ijaarrataniiran diiguun buqqiseera. Namoota buqqa’an kanneen keessatti dubartoonni fi daa’imman umrii 3 hanga 10 ta’an keesstti argamu. Yeroo buqqifaman kanattis Godaantoonni meeshaalee isaanii Awutoobisiitti fe’uun buufata mootummaan yeroof qopheesseef kan Magaalaa Besaankon baha Faraansaayiitti argamutti geeffamaniiru.

Hojjettoonni gargaarsaa gama isaaniin tarkaanfiin Roobii kaleessaa godaantoota irratti fudhatame kun filannoo mana jireenyaa yeroo dheeraa osoo hin kenniiniif godaantotaa fi namoota biroo kaan isaanii osoo rafaa jiraanii fi osoo hin beeksisiin tapha Oloompikii dura magaalaa guddoo biyyattii keessaa qulqulleessuuf tarkaanfii angawoonni Paaris fudhatanirratti yaaddoo akka qabn dubbatu.

Qindeessitoonni dorgommii Oloompikiimmoo gareewwan gargaarsaa waliin ta’uun furmaata barbaaduu irratti akka hojjetan himaniiru.

Godaantoota kanneen keessattis baay’inaan kanneen afaan Fireenchii dubbatan lammilee biyyoota Afrikaa Burkinafaasoo, Giinii, Ayiivooriikostii fi Seneegaal akka ta’anis gabaafameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG