Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faransaay Hoogganoota Biyyoota Awurooppaa Dhimma Yukireen Ilaalchisuun Mari’atan Wixata Har’aa Keessummeessitee Jirti


Gumii dhimma nageenyaa geggeessamuuf jiruuf Faransaay keessummoota Simachaa jirti
Gumii dhimma nageenyaa geggeessamuuf jiruuf Faransaay keessummoota Simachaa jirti

Prezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon garee hoggantoota Awurooppaa kanneen haala Yukireen irratti xiyyeeffachuun dubbatan Wiixata har’a keessummeessuuf jiru.

Kunis, haala Ameerikaan waldhabdee Yukreen kana itti ilaaltuu jijjiiramuu fi yaada qondaaltonni Ameerikaa marii nagaa keessatti Awurooppaan gahee akka hin qabne dhiyeessan keessatti.

Namoota walgahii kana irratti hirmaatu jedhamee eegamu keessaa hoggantoonni Biriteen, Jarman, Xaaliyaanii, Poolaand, Ispeen, Nezerlaand fi Deenmaark irraa dhufanidha. Hogganaan NATO Maark Ruuteet, Pirezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Antooniyoo Koostaa fi Pirezidaantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa van der Leyiin illee hirmaachuuf jiru.

Hoggantoonni Awurooppaa guyyoota darban keessa Yukireen deeggarsa akka itti fufan waadaa galaniiru.Kunis muummichi ministeeraa Biriteen Keir Starmer mootummaan isaanii qaama humna nagaa eegsisuu waraana boodaa kamiyyuu ta’eef gara Yukireenitti loltoota erguuf qophii ta’uu ibsuu isaanii dabalata.

''Ani akkas salphaatti hin jedhu,'' jechuun Wiixata gaazexaa Daily Telegraph irratti barreesse. "Itti gaafatamummaa tajaajiltoota fi dubartoota Biriteen karaa miidhaa irra kaa'uu danda'u baay'ee gad fageenyaan natti dhaga'ama."

Muummichi ministeeraa Siwiidin wiixata har’a akka jedhanitti biyyi isaanii humna nagaa eegsisuu kan “aangoo ifa ta’e” qabuuf loltoota gumaachuu akka hin hafne dubbataniiru.

Yaa’iin Nageenyaa Muuniik torban darbe gaggeeffame irratti Prezidaantiin Kaawunsili Auroopaa Koostaan akka jedhanitti,, nageenyi Yukireen fi Gamtaa Awurooppaa “addaan bahuu akka hin dandeenye” ergaa ifa ta’e agarsiise.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG